Afeerraa Eebba TV Bakkalchaa

Jaalatamtoota lammii Oromoo hundaaf,

Bakka jirtanitti

Dhimmi: Eebba TV Bakkalchaa irratti isin affeeruu ilaala

Duraan dursinee nagaan keenya kan Oromummaa bakka jirtanitti isin haa dhaqabu. TVn BakkalchaaMidiyaa ilaalcha siyaasaa, amantaa, laga, gosaa fi naannoo kamiiyyuu irraa walaba ta’ee lammii Oromoo hundaa walqixa tajaajiluuf kan hundaa’ee Midiyaa sub-qunnamtii Oromooti.

TVn Bakkalchaa kan Oromoo hundaati. TVn Bakkalchaa haqa dhugaa irratti hundaa’ee Oromoo hunda walqixa tajaajiluuf Miidiyaa dhabbatee dha. TVn Bakkalchaa ija Oromooti. TVn Bakkalchaa sagalee Oromooti, TVn Bakkalaa gurraa fi dhageettii Oromooti. TVn Bakkalaa tokkummaan Oromoo akka daraan jabaatuuf halkanii fi guyyaa cimee hojjchuuf karoora guddaa qaba. TVn Bakkalchaa tumsa lammii isaa barbaada. Waan keesan irratti hirmaadhaa isniin jedha. TVn Bakkalchaa ilam keessan kunuunsaa, guddisaa, akkasumas itti fayyadamaa.

Yeroo ammaa TV Bakkalchaa qophii isaa hunda xumuratee tajaajila torbaan guutuu kan saa’aa 24f Oromoota biyya keessaa fi biyya ambaa jiraatniif sagantaalee tajaajila adda addaa kennuuf qophii isaa xumuratee jira. TV Bakkalchaa gaafa Ebla guyyaa 30 bara 2014 Biyya Noorwee Magalaa Moss jedhamtu keessati sagantaa isaa eebbaan eegala.

Kanaafuu jalatamtootaa fi kabajamoon Ummanni Oromoo hundinuu gaafa guyyaa eebba TVn Bakkalchaa irratti akka nuuf argamtan kabaja guddaan isin affeerra. Warri qaamaan nu bira dhufuu hin dandeenye akka yaadaan nu bira dhaabbattan irra deebinee isin gaafanna.

Warri qaamaan nu bira dhufuu barbaaddan karaa tora marsalee teessoo keenyaatiin nu qunnamuu dandeettan. Yaadaa fi qeeqa qabadnis akka nuu gumachitan irra deebinee kabajaan iisin gaafanna. Teessoon keenya www.bakkalchatv.com, Email: bottaa@bakkalchatv.com, grete@bakkalchatv.com, wadaay@bakkalchatv.com, +47 96671888/+4799874452/+4790609725

TVn Bakkalchaa sagalee Ummata Oromooti.

Nagaa wajjiin

Qindeesitoota

TVn Bakkalchaa

About advocacy4oromia

The aim of Advocacy for Oromia-A4O is to advocate for the people’s causes to bring about beneficial outcomes in which the people able to resolve to their issues and concerns to control over their lives. Advocacy for Oromia may provide information and advice in order to assist people to take action to resolve their own concerns. It is engaged in promoting and advancing causes of disadvantaged people to ensure that their voice is heard and responded to. The organisation also committed to assist the integration of people with refugee background in the Australian society through the provision of culturally-sensitive services.

Posted on April 21, 2014, in Uncategorized. Bookmark the permalink. Leave a comment.

Leave a comment