Monthly Archives: January 2019
Advocacy for Oromian iyyannaa nagaa fi araara Oromiyaa dhiheesse
(A4O, 2 January 2019) Advocacy for Oromian mootummaan Itoophiyaa akka ABO waliin marii nagaa fi araaraa gaggeessu gaafate.
Jaarmichi ibsa har’a baaseen akka ibsetti, haalli amma Oromiyaa keessatti mul’atu abdii nagaa fi bilisummaa kan dukkaneessaa jiruu dha.
Rakkoo waldhabdee kana mariidhaan akka furamu kan gaafate Advocacy for Oromian, marii kana “qopheessuufi keessatti hirmaatee milkeessuuf yeroo kamiyyuu caalaa fedhii fi qophaa’ina guddaa qabna,”jedheera.
Itti dabaluunis, qabxiilee furmaataa kana maaliif akka akeekees hubachiiseera. “mariin nagaa fi araaraa kamiyyuu qaawwaalee jiran mara duuchee uummata Oromoofi Itoophiyaa hunda gara jaalalaa, tokkummaafi misoomaatti akka ceesisu amanna.
Guutummaan ibsa kanaas kunoo ti: Iyyannaa Nagaa fi Araara Oromiyaa