Daily Archives: April 20, 2020

Ergaa ummata waanti narratti ta’e ifa sinii hin taaneef

Barreeffamni armaan gadii kun Birhanemeskel Abebe sagni kaleessa Afaan Amaaraatiin fuula Facebook isaanirratti gadhisame. Anis ergaa kana namni lammii Oromoo ta’e martuu akka beekuuf jedheen, hamma danda’ame gabaabsee afaan Oromootti hiikuuf yaaleera. Dubbisa Gaarii! Hunde Tilahun

I/ KAAYYOO PIROPOGANDAA SOBAA
1.Dhihoo kana warri bulchiinsa sirna durii leellisaniifi jijjiirama kana booda warri dhalatan kanneen akka itiyoo 360 namoota adda addaatti fayyadamuun anaafi ummata Oromoo irratti duulli isaan banan itti fufee jira.

2.Kayyoon maqa balleessi kanaas maqaa gaariin ani qabu irratti dhoqqee dibuun lammilee itophiyaa birratti, keessattuu warra afaan amaaraa dubbatan birratti summii dibuun,gaaffii ummata Oromoo galagalchuun akka waan nuti itophiyaa jigsinee biyya biraa ijaaruuf deemnutti oddeessun,Zaranyaaf abba dabaree maqaa jedhu kennuun warreen afaan amaaraa dubbatan biratti shakkii uumuun fudhatama dhabsiisuuf shira hin milkoofne gochuudha.

3.Dana’oon,Zaranyaafi warri shiraan beekamu kun kana duras namoota akka koo biyya isaanii jaalataniifi walqixxummaa leellisan irratti duula sobaa banuun gaaffii ummatni Ertiraa Federeeshina gaafatan “nuti lafa malee ummata isaa hin barbaannu ” jechuudhaan ummata dhiibanii Itophiyaa qarqara bishaanii akka isheen hin qabaanne godhaniiru.
Ummata Tigraay jibbanii TPLF uumaniiru,Ummata Oromoof barumsi afaan amaaraatiin kennamu qaba jechuun Jeneraal Taaddasaa Birruufi gaggeesitoota Macaaf Tuulamaa ajjeesuun ABO dhalaniiru. Tokkummaafi walqixxummaa ummata Itophiyaaf qabsooftuu jechuunis kaneen akka Hayilee Fidaa fi Sannaay Likefaa nyaatanii Dargii uumaniiru. Ogadeen,Sidaamaaf Gaambeellafi bakka adda addaatti yakkaaf badii hojjataniin tokkummaa biyyaa irratti waan hin irraanfatamne dalaganiiru.

4. Gaggeessummaa ummata Oromootiin jijjiramni Itophiyaa keessatti gaaffiin walqixummaafi haqaa deebii argachuu yoo baate haala amma jirtuun gara waraana wal waliinitti yoo galte Itophiyaan akka diigamtu lammiileen hunduu ni beeku.
Ani jijjiirama kana kanan deegaruufi namni biraas akka deegaru kanin gorsuuf balaa kana hambisuun biyya hundaaf taatu ijaaruufi.

5.Faallaa kanaan bara Dargiif TPLF Awurooppafi Ameerikaa warri turanifi leellistoota sirna bulchiinsa durii kan ta’an Itophiyaa dimokraatawaa taate osoo hin taane sirna Hayilasilasee boolla kaasuun ummata Itophiyaa 80% afaan amaaraa hin dubbanne dirqiin afaan tokko aadaa tokko deebisanii ijaaruudha.

6.Warri shiraaf Zaranyummaa isaaniin beekaman kun abjuu isaanii milkeessuuf kaardii Amaaraaf Itophiyaa wal jala jijjiruun taphatu. Karaa tokkoon abukaatoo ummata amaaraa fakkachuun ummata Itophiyaa kaanirra keessattu ummata Oromoo irra adda baasuun Amaarri dhiitameera sirba jettu sirbaa,naannoo Amaaraatti maqaa,hojiifi sirbi isaanii kanuma.

7.karaa biraatiin Oromiyaa(Finfinnee)gaafa dhufan immo tokkummaa Itophiyaatti kan amanan fakkaachuun lammiilee afaan amaaraa dubbatan goyyomsuuf Itophiyaa ykn du’a jechuun boo’u.
Kanarra darbuunis amala gaararra isaanii dhoksuuf Finfinnee dabalatee Harariifi kibba Itophiyaatti maqaalee adda addaa fayyadamuun akka kottee duudaa itti duuluun qabeenya isaanii nyaachuun ummata Itophiyaa kaan waliin akka inni walii hin galle gochuun itti fayyadamu.

9. Kanaafidha Afaan Oromoo akkuma Afaan Amaaraa afaan hojii federaalaa hata’u,walqixxummaan sabaaf sablammii haakabajamu waan jennuuf lammiilee Oromoo Itophiyaa warra abba dabaree,Zaranyaa jechuun maqaa isaanii isa sirrii nuuf kennuuf kan fiigan.

10. Yeroo ammaas duulli jibbaafi maqa baleessiin anaratti baname Kaayoon isaa namoota ilaalcha akka koo qaban miidhuu,biyya afaan tokko aadaa tokko amantii tokko qabdu(Assimilationist) ijaarra jechuun abjuu biraa keessa galaniiru.

11.Ani ummata Oromoo birattis ta’e lammiilee Itophiyaa kaan biratti maqaa gaariin ani qabu kan ijaarame waggoota bayeef tokkummaas gaaffii haqa Oromoo karaa ifaafi dhugaa ta’een ibsaa waanin tureefi.

12.Maqaa koo inni gaariin maalaqa ummata ykn dhiiga namaatiin kan laaqame miti

II/ Modeela lola fi karaa ittiin mo’iinsa isaanii

13.Waan 3 jedheen barreeffama koo xumura.
Namoonni shiraan beekaman kun Itophiyaa keessatti walqixxummaa fi haqni akka hin jiraanne waraana karaa sadiin gaggeessaa akka jiran beekuun barbaachisaadha.

14. Keessattuu waraana kana keessatti diinni inni guddaan ummata Oromoo waan ta’eef waranoota sadan armaan gadii mo’uuf sabaaf sablammii walqixxummaan amanan ijaaruun Itophiyaa haaraa ijaruuf qopha’uu qaba.

15. Namoonni kun biyya aadaa,afaan,amantii tokko qabdu ijaaruuf ifatti waraanni isaan banan isaan kana.

15.1. Inni jalqabaa lammiilee Itophiyaa walqixxummatti amanan,gaggeesitoota jijjiiramaa,aktivistootafi abbootii qabeenyaa keessattuu ummata Oromoof sidaamaa kallattiin miidhuu (direct violence ) karaa isa jalqabaaf filatamaadha. Duulli anarratti banames qaama waraana isa kanaati.kayoo3Kanaaf akka isaan gargaaru miidiyaalee maqa baleessiif sobaa 100 ol banataniiru.
Duuti naannoo Oromiyaa,Amaaraaf sidaamaatti ta’es qaama karoora kanaati.

15.2. Waraanni inni lammaffaa tokkumaaf walqixxummaa Itophiyaa irratti kan hojjatan keessattuu Oromoo, Somaalee fi Sidaamaa fi kkf irratti lola ijaarsa (structural war ) banuudha.
Ummanni Itophiyaa keessattu ummatni jijjirama kana fide ummatni Oromoo waanti baruu qabu Dargiif TPLF dhufanii haadeeman malee birookrasiin,ijaarsi magaalaa,ijaarsi dhabbilee amantii,ijaarsi ikoonomii,ijaarsi aadaa,ijaarsi miidiyaalee ammas kan yero Hayilesillaaseeti.
Jijjiirama kana booda jarri kun yeroo Dargiif TPLF jiru bakka itti dhokatanii ka’aa jiru. Humna biyyaafi biyya alaa jiru walitti fiduun ijaarsa sirna Hayilasilasee ACTIVE gochuuf (structural war ) bananiiru.

15.3 waraanni inni sadaffaan lammiilee Itophiyaa tokkummaaf walqixxummaa leellisuun (progressive) ta’an irratti waraana aadaa banuudha (Cultural war).
Fakkeenyaaf namni afaan amaaraa dubbatu lammii Itophiyaaf ammaya’a akka ta’e kaan immoo kan afaan oromoo ykn afaan saba biraa dubbatu zaranyaaf boodatti hafaa akka ta’e godhanii sammuu irratti hojjachuu.

CUUNFAA
16. Torban tokkoof kaan immoo waggoottan lamaan darbaniif duulli narratti baname rakko dhuunfaa narraa qabatanii miti. Isaan kun qaxaramtootafi loltoota jara kanaa waan ta’aniifi, duulli kunis anaratti qofa osoo hin taane qamoolee tokkumaafi walqixxummaa leellisan hundarattidha.

Qe’ee Oromoo Gaddaa fi Boohicha keessaa baasuuf qabsoo keenya haa jabeessinu!

Image may contain: 1 person, closeupImage may contain: 1 person, possible text that says 'wnlalo Henok Abera Tolesa'Image may contain: 1 person, standing and stripes, possible text that says 'Lidiya Abera Tolasa'

Obbo Abarraa Tolasaa waan Oromoo ta’aniif hidhaman; reebaman; reebicha mana hidhaa keessatti waraanni mootummaa isaan irraan ga’e dandamachuu dadhabuun dhiyeenya kana lubbuun isaanii darbe.

Ilmi isaanii Henok Abarraa baruma kana yeroo adda addaatti hidhamaa ture; ammas kaleessa magaalaa Buraayyuutti qabamee eessa akka jiru hin beekamu.

Ammas mucaa isaanii Liidiyaa Abarraa erga kaleessa obboleeshishee qabamee isheenis eessa akka jirtu hin beekamu. Liidiyaan Yuunversiitii Amboorraa barnoota fayyaa barataa turte. Liidiyaan utuu barattuu dhiibbaa mootummaan irraan ga’u ulfaachaa waan deemeef barnoota addaan kutte.

Har’a Oromoon Maatiidhaan gidiraa argaa jira. Waraanni mootummaa Abiy roorroo Oromoo irraan ga’u daran hammeessee jira. Roorroon mootummaa Abiys ulfaataa waan ta’eef qe’een Oromoo boohichatti deebi’ee jira. Maatiin Ob Abarraas sababuma kanaan qe’ee isaanii gadhiisan.

Roorroon kun itti fufa kaleessaa ta’uun mamii hin qabu. Biyyi Oromoo waggooat 150f harka alagaa jira. Yeroo sanaa kaasee Oromoo nagaa fi bilisummaa dhabee jira. Oromoon garuu qabsoo hin dhiifne. Oromoon hedduun aangomeera; Oromoon hedduun mirga isaa beekeera; Oromoon hedduun falmaatti seeneera; hidhaa fi ajjeechaansi daranii jabaatee jira.

Oromummaan har’a yakka guddaa ta’eera. Waanti jabaan Oromoon of harkaa qabu immoo sabboonummaa Oromoo ti. Sababa kanaa har’a Oromoon maatiidhaan wareegama ulfaataa baasaa jira. Oromoon gidiraa ulfaataa kana keessaa bahuu qaba. Haga gidiraan kun hin dhaabbannetti, gaddii fi boohich qe’ee ob Abarraa fa’aa seene kun, qe’ee Oromoota maraa hin hanqatu.

Dhugaadha, bilisummaan Oromoo furmaata Oromoo ti. Bilisummaan Oromoo kanaan booda dhufu lubbuu Ob Abarraa fa’aa hin deebisu. Garuu, Bilisummaan Oromoo kanaan booda dhufu, qe’een Oromoota miliyoonaan lakkaayamanii akka qe’ee gaddaa fi boohichaa hin taaneef FURMAATA waaraa ti. Qe’ee Oromoo Gaddaa fi Boohicha keessaa baasuuf qabsoo keenya haa jabeessinu!

Who is Who in the Oromo Resistance Struggle?

Demissie Kebede Serda

20170917_153426

Obb. Demissie Kebede Serda, is the son of Ade’a Oromo, born in Ade’a Berga around Holota, some 40 km away in the rural area of Oromia.

His resistance struggle for the Oromo people stems from the protest his grandfather, his father and his uncles played against the Netegna system.

During the reign of Menilk II when Oromo was defeated by the Abyssinian kingdom of Shewa, Oromo land was confiscated and settlers were appointed in every village. Mr. Serda who was very conscious of this injustice represented his community as a lawyer in Menilik court and protested against the confiscation.   Because of his aggressive move, he was banned from entering Menilk palace.

During the Italian occupation of Ethiopia in 1936, there was a serious dispute in the community whether to support the Neftegna to fight the Italians or to abstain. Serda, though aged, was, serious that they rather should fight the Neftegna who were worse than the Italians and he organized a group that would fight the Neftegnas who reduced the Oromo to serfdom. However, he was ambushed by betrayers.

As a consequence more than 30 people died from both (Serda side and his opponents). Later the grudge between Seda’s relatives and his opponents was intensified and three of Seda’s sons including Demissie’s father were ambushed on another incident and buried in same grave on a single day. The widow of Kebede, Demissies’ mom, the cousin of Feyisa Ejeta, was forced to flee her husband’s place with her children, including Demisse. She moved to Badii, her birth area around Sheger and reared her children under serious difficulties.

Demisse went to an elementary school in Holota. Then he moved to Finfinne and completed a high school.

While he was in the high school he frequently attended Macca and Tulamaa gatherings and he was groomed with Oromo self-consciousness as a result. When the government cracked down on Macca and Tulama Association, Oromo youth of those days who saw there was no alternative for the Oromo people than a political solution, formed an OLF and Demissie is one of the founders of OLF.

Demissie joined the industrial sector as a worker and became the chairperson of Ethiopian Agricultural and Industrial Labour Union, which had 150,000 members.

When the Ethiopian Trade Union was formed Demissie became vice president of the Union. He was still organizing a clandestine OLF in the Trade Union, chairing one of the cell committees in the trade sector.

However, he and his comrades were identified by the Derg secretive services and jailed in January 1980. Demissie was tortured in prison, languished for almost 12 years in jail and released in 1991 when the Derg regime collapsed. After, his release he went back to Oromo political business from day one of his release, without even visiting his aging mom. He was one of OLF representatives during the Transitional Charter Conference.

Demisse became a member of the transitional Parliament and OLF CC member during that period. When OLF withdrew from the Transitional government Demisse was abroad for medical treatment because of the complexities he sustained as a result of torture. He moved to Canada from the Netherlands and he has devoted all his life to Oromo struggle up to now. He is one of the icons who is in the forefront for Oromo refugees and Oromo issues in the community in North America.