Dhaabbileen Oromoo Jaatamaa ol Ta’an Marii Biyyalessaa Irratti Yaaddoo Qaban Ibsan

Finfinnee, Amajjii 21/2022-Dhaabbileen hawaasaa Oromoo jaatamaa ol ta’an hundeeffamuu Komishiini Marii Biyyalessaa Itoophiyaa ilaalchisuun ibsa kennan. Yeroo jalqabaaf dhaabbilee Sivikii, Falmattoota Mirga Dhala Namaa fi Waldaalee Hawaaasaa Oromoo idil-addunyaa walitti dhufanii marii biyyaalessaa adeemsifamuuf jiru irratti yaaddoo qaban ibsan.

Sadaasa darbe manni maree bakka bu’oota uummaataa labsii hundeeffama Komishiini Marii Biyyaalessaa raggaasisuun isaa ni yaadatama. Manni  maree bakka bu’oota uummaataa labsiin kun beekumsa biyyaa keessaa fayyadamuun furmaata waaraa ni fida, akkasumas duudhaalee hawaasaa walitti ni hidha jedhe. Manni marichaa hoggansa Komishiini Marii biyyaalessaa uummataan akka kadhimamuu fi mana maree bakka bu’oota uummaataatiin akka ragga’u eere.

Dhaabbileen kunneen adeemsa fi tarkaanfileen marii biyyaalessaa keessatti  fudhatamanii amanamuummaa uumuun marii dhugaatiif haala ni mijeessuu danda’an lafa kaa’an. Ibsi kun marii biyyaalessaan dura tarkaanfilee fudhatamuu qaban tarreessa. Isaanis Lammilee waraanan miidhaman hundaaf haal duree tokko malee deeggarsa namooma adda hin cinne taasisuu, hidhamtoota siyaasaa hunda haalduree tokko malee hiikuu fi Humnootni alaa hunduu,  keessumaa humni nageenyaa, loltootni fi basaastotni Ertiraa, Itoophiyaa keessaa akka ba’an  dabalata. Dhaabbileen Oromoo kunneen  mootummaa Itoophiyaa fi qooda fudhattoota hundaaf tarkaanfii waraana dhaabsisuu fi marii walabaa, hunda haammate fi hunda hirmaachise akka taasifamuuf qooda isaanii akka ba’atan waamicha dhiyeessan. 

“Marii  biyyaalessaa keessatti adeemsii fi tarkaanfileen fudhataman amanamuummaa uumuun marii dhugaatiif haala mijeessa. Kunis Oromiyaa keessattii  fi naannoollee hundatti alatti dirree siyaasaa jiru bal’isuun miidiyaaleen walabaa akka jiraatan, mariiwwaan bu’uraa fi lammilee hundaa hirmaachisu taasisutu barbaachisa. Haaluma kanaan marii bal’aani fi hirmaachisaan qamoolee dhimmi ilaallatu waliin,yeroo, turtii, raawwii, iddoo, qabiyyee, saffisa, adeemsa, fi hojiirra oolmaa marichaa irratti akka taasifamu irra deebi’uun waamicha dhiyeessina.” jedha ibsichi. 

Ibsa Guutuu

Ibsa hundeeffama Komishinii Marii Biyyalessaa (KMB) Itoophiyaa ilaalchisuun Dhaabbilee Sivikii, Falmattoota Mirga Dhala Namaa fi Waldaalee Hawaaasaa Oromoo idil-addunyaa irraa kenname.

Nuti dhabbileen asii gaditti maqaan keenya dhahame, qophii mootummaan Itoophiyaa dhimmoota bu’uraa biyyaalessaa irratti waliigaltee umuuf, marii biyyaalessaa  jalqabuuf taasisu itti dhiyeenyan hordofaa jirra.

Mootummaan labsii hundeeffama KMB ulaagaa ifa hin taaneen kophaa isaa raggaasiseera. Yeroo  ammaa kana, hojimaata ifa hin taanee fi abbootii dhimmaa ijoofi deeggartoota waliin marii ga’aan utuu hin taasifamiin namoonni  Komishiini Marii Biyyaalessaa gaggeessan filatamaa jira. 

Hidhamtootni siyaasaa muraasni hiikamuu isaanii agarree jirra; garuu hidhamtootni  kuma hedduu  ta’an ammayyuu mana hidhaa jiru. Tarkaanfiin dura  kun  mootummaan biyya bulchaa jiru hidhamtoota siyaasaa hafanillee hiikuuf akka yaade fi  qalbii guutuun  maricha irratti hirmaachuuf fedhii qabaachu agarsiisa jennee abdanna.

Haa ta’u malee, mootummaan Itoophiyaa qaama walaba, Komishiinii loogii  siyaasa irraa bilisa ta’e hundeessuu danda’u miti.  Kuni ammoo marii biyyaalessaa hunda hammate godhuuf ulaagaa ijoofi barbaachisaadha  .

Kanaafuu, ibsa Hagayya 18, 2021 basneen waraanii akka  dhaabatuu fi mariin hunda hirmaachise akka taasifamu  gaafatu irra deebi’uun, gaaga’amni  siyaasaa walxaxaan biyyattiin keessa jirtu  furamee  nageenni  waaraan akka dhufu  gorsa armaan gadii dhiyeessuu barbanna.

1.Waraanni hatattamaan akka dhaabbatu taasisuun, humnoota federaalaa fi garee hidhattootaa naannoo Oromiyaa, Tigraay, Beenishaangul Gumuz, Amhaara fi Affaar keessa jiran giddutti walii galteen dhukaasa dhaabuu taasifamee, mariin siyaasaa hunda hirmaachise akka godhamuuf haala miijessuu.

2.Lammilee waraanan miidhaman hundaaf dhiyeessii nyaataa fi qorichaa dabalatee deeggarsa namooma adda hin cinne haal duree tokko malee akka  taasifamu; kanneen amma sababa hongeetiin beelaaf saaxilaman deeggaruu  fi tajaajiloota bu’uura akka baankii, telekoomi, geejjibaa fi tajaajila ibsaa, lammilee miliyoonan lakkaa’aman naannolee Oromiyaa, Tigraayi, Beenishaangul Gumuuz, Affaar, Amaaraa fi Somaalee keessatti argamaniif akka deebi’u.

3.Hoggantoota Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) dabalatee, hidhamtootni siyaasaa hundi haalduree tokko malee akka hiikaman. Caamsaa 2021 irraa eegalee hidhaa mana keessaarra kan jiran hayyu dureen dhabichaafi, dargaggootni Oromoo kumatamootan  mana hidhaa adda addaa keessa jiranii fi hidhamtootni biroo haalaa sabummaa irratti xiyyeffateen erga  labsiin yeroo muddamaa bahe hidhaman hundi akka hiikaman.

4.Humnootni biyya alaa hunduu,  keessumaa humni nageenyaa, loltootni fi basaastotni Ertiraa, Itoophiyaa keessaa akka ba’an taasisuun  biyyootni naannoo gaanfa Afrikaa  fi biyyootni Itoophiyaa wajjiin walitti dhufeenya qaban deeggarsa akka godhaanii fi haala dhiittaan mirgaa akkasumas wal waraansi waliinii itti  dhaabbatu haala miijessuu. 

5.Komishiinii marii biyyaalessaa walaba ta’e, qooda fudhattoota hundaa biratti fudhatamummaa qabu fi  marii biyyaalessaa ifaa fi hunda haammataa  ta’eef haalaa miijessu danda’u hundeessuu.   KMB mootummaan deeggaramu itti gafatamummaa barbaachisaa fi seena qabeessa kana amanamummaan ba’uu danda’a jennee hin amannuu;  komishiiniin qaama kamirrayyuu walaba ta’e akka hundeeffamuuf hawaasni idil-addunyaa deeggarsa barbaachisa akka taasisu waamicha dhiyeessina.

6. Marii  biyyaalessaa keessatti adeemsii fi tarkaanfileen fudhataman amanamuummaa uumuun marii dhugaatiif haala mijeessa. Kunis Oromiyaa  fi naannoollee hundatti  dirree siyaasaa bal’isuun miidiyaaleen walabaa akka jiraatan, mariiwwaan bu’uraa fi lammilee hundaa hirmaachisu taasisutu barbaachisa. Haaluma kanaan marii bal’aani fi hirmaachisaan qamoolee dhimmi ilaallatu waliin,yeroo, turtii, raawwii, iddoo, qabiyyee, saffisa, adeemsa, fi hojiirra oolmaa marichaa irratti akka taasifamu irra deebi’uun waamicha dhiyeessina.

Nuti dhabbileen asii gaditti maqaan keenna eeramee,  waldaaleen hawaaasaa, dhaabbileen Ogeeyyii, falmattoonni mirgoota namoomaa fi hawaasni waligalaa Oromoo, mootummaa Itoophiyaa fi qooda fudhattootni biyyattii hundaa akkasumas Hawaasa idil addunyaa,  Dhabbatni Motummoota Gamtoomanii, Yunaayitid Isteets, Chaayinaa, Gamtaan Awurooppaa fi biyyootni miseensa gamtichaa, Gamtaan Afrikaa fi  biyyootni miseensa gamtichaa, Gamtaan Emireetota Arabaa, Turkii fi Iraan, naannolee Itoophiyaa hunda keessatti walitti bu’iinsi akka dhaabbatuu fi  adeemsi marii biyyalessaa haqa qabessaa fi hirmaachisaa ta’e akka itti fufuf tarkaanfii barbaachisu akka fudhattan gaafanna.

About advocacy4oromia

The aim of Advocacy for Oromia-A4O is to advocate for the people’s causes to bring about beneficial outcomes in which the people able to resolve to their issues and concerns to control over their lives. Advocacy for Oromia may provide information and advice in order to assist people to take action to resolve their own concerns. It is engaged in promoting and advancing causes of disadvantaged people to ensure that their voice is heard and responded to. The organisation also committed to assist the integration of people with refugee background in the Australian society through the provision of culturally-sensitive services.

Posted on February 1, 2022, in Uncategorized. Bookmark the permalink. Leave a comment.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: