Barbaachisummaa Walgahii Maatii Yeroo Ayyaana Qillee fi Waggaa Haaraa

Pastor Paawuloos Ol’aanaa Guyyaa Dhaloota Kirstoos(Christmas) fi bara haaraa ilaalchisee dubbifneen, ayyaanni sababa walitti qabama hawaasaa tahuu nuu ibsan. Sababa Ayyaana kanaan maatii fi hiryaan walitti dhufee waliin dabarsa.

“Ayyaanni Dhaloota Kirstoos guyyaa sani irratti maatiin walumaan yoo kabajate iyyuu sanbattoota isa duraa waldaa Kirstaanaa dhaquun waliin waaqeffatu,” jechuun dubbatan.

“Ijoolleen waldaa keessatti hirmaatnaa guddaa qabu,”jedhan Pastor Paawuloos.

“Nuti akka saba Waaqayyootti, Waaqayyoon waan inni nuu godhe galateeffachuu, waan gaarii hojjechuu fi dhaloota daandii gaarii irratti gargaaruun hawwii keenya,” jedhan Paastor Paawuloos.

Paastor Paawuloos “waggan haaraan bara moofaa yeroo itti gaddaa fi gammachuun dabarsine, barri haaraan ammoo jireenya keenya irratti dabalamuu agarra,” jedhan.

Source: https://www.sbs.com.au/language/oromo/om/podcast-episode/pastor-paawuloos-speaks-about-christmas-and-new-year/j9we3x6cg