Irreechaa 2011 in Melbourne

(Oromedia, Melbourne, 5 Onkoloolessa 2011) Hawaasti Oromoo Australia, magaalaa Melbourne keessa jiraatan Ayyaana Irreechaa  si’a arfaffaaf sirna hoo’aa fi miidgaan kabajatanii oolan.

Koreen Ayyaana Irreechaa Melbourne, Australia, sagantaa Irreechaa qopheesse irraa akka hubatamutti, Irreechaan bara 2011 Onkoloolessa 2, 2011 mata duree Mootoma Oromummaa-Oromummaa Succeeds jedhuun kabajame.

Akka aadaa fi sirna Irreeffannaatti namuu bakka adda addaa irraa gara Ardaa Irreeffannaa, Footscray Park jedhamutti yaa’an; achiin gaaddisa eebbaa jalatti akka walgayanii eebba Abbaa Bokkuutiin sirnicha eegalan godhame.

Sirna kana irratti Ob Abdataa Homaa, Dureen Koree Ayyaana Irreechaa dubbii dhageessisaniin ummati Oromoo bara dheeraaf aadaa isaa boonsaa kana akka lagatu gudhamuu isaa yaadachiisanii, ”yeroo ammaa illee cunqursaan sun bifa adda ta’een jiraatu illee ummati keenya garuu xiiqii fi diddaadhaan Irreechaa kabajuu eegaluun isaa aadaan Oromoo akka deebi’ee guddatu  gargaaree jira,” jedhanii jiru.

Ittaansuunis, Ummati Gaaddisa jalatti walgayan irraa ka’anii gara Malkaatti qajeelan. Yeroo kanattis dubartooti  Faaruu Irreechaa kan ”Mareehoo” jedhamu faaressaa  dursanii gara Malkaatti  deeman. ”Malkaan mallattoo hormaataa ti; dubartiinis taadhii dha. Kanaaf, Yeroo Irreechaa dubartooti dursanii gara Malkaatti deemu; warri dhiiraa immoo dubartoota duubaan hordofanii gara Malkaatti  deemanii Irreeffatu.”

Malkaa erga gayanii booda Eebba maanguddootiin gara Irreeffannaatti  deeman. Namuu bakka kanatti kan darbeef ni galateeffate; kan dhufuu immoo Waaqa isaa kadhatee jira. ”An bara amma darbaa jiru kana keessa waan hedduun akeekkadhee ture; waanan itti milkaa’es ni qaba. Sanaaf, Waaqa kiyya galateeffadheen jira. Amma illee waanan yaade akka naaf guutuuf nan kadhadha; kadhachaan jiras,” kan jette shamarree Ayyaana kana irratti argamtee dha.

Akka duudhaa Ayyaanichaatti,  Irreeffattooti bakka itti Irreeffatan irraa gara gaaddisa ka’aniitti deebi’u. “ Irreeffannaan Eebba angafoota irraa fudhatan san lafaan gayuu dha. San booda bakka itti Abbaan Bokkuu eebbisee gaggeessetti deebi’anii waan barri keessa darbe , waan biyyi keessatti argamu waliif himu,’’ kan jedhe hundee ayyaana kana manguddoota biyyaa irraa kan qorate Daanyee Dafarshaa ti.

Barsiisa guyyaa Irreechaa kana Gaaddisa Irreechaa jalatti kenname irraa akka hubatametti,  seenaan ayyaana Irrechaa seenaa Uumaa ganamaa waliin walitti hidhata.  “Irreechaan akka Akka Lakkoofsa Gadaa Malbaatti baroota 6405 oliif kabajamaa dhufe. Yeroo sanii eegalee, Oromoon wal horaa heddummataa deeme; bakka addaddaatti yaa’es. Yeroo irreeffatu immoo bakka jiru irraa walitti deebi’a. Kun mallattoo tokkummaa ganamaa san ibsa. Akkuma Horo tokko ta’ee uumamee achiin lama ta’ee  heddummate san Oromoon hedduunis bakka jiru irraa walitti deebi’eetokkummaan kabajata.”

“Ayyaana Irreechaa  maaliif bakka hundatti  beekamuu dhabe? Oromiyaa keessaa immoo Hora Arsadiitti maaliif kabajama?” gaaffiileen jedhanifis deebii sirna kana irratti kenname irraa akka hubatamuttis, “Aadaan Oromoos garbummaa jala turuun dagatamuu hin qabu. Oromoo qofaa miti; kan addaan ciccitee jiraataa ture. Waanti Oromoon qabu marti garbummaa jala waan tureef, walumaan addaan ciccite. Akka fakkeenyaatti  bakka kaanitti Siinqeen jabaa dha; bakka biraa immoo hin jiru. Gadaan iddoo itti hundee jabaa qabu jira. Bakka kaanitti immoo laafuu mala. Irreechis akkanumatti bakka tokkotti jabaa ta’eebakka kaanitti immoo laafaa ta’e malee hunduu kanuma Oromoo ti.

“Har’a bakka jirru irraa akkuma walitti dhufnee Oromummaa keenya guddisaa jirrutti, aadaa keenyas walitti fidnee guddifachuutti jirra. Aadaan Oromoo bakka fedhe yaa jiraatu iyyuu aadaadhuma Oromoo ti. Bakka jiru irraa kaafnee guddisuun immoo dirqama kanneen Oromummaa isaaniin jabaatanii mu’latanii ti.

“Irreechaan kun waanuma jabaa dha. Yeroo hedduu namooti waan of harkaa qaban akka waan gatii guddaa qabuutti hin ilaalan.Garuu, yoo qalbiin itti yaadan Irreechaan waan ittiin sabni keenya tokkoomee mul’achuu danda’uu dha, ” jedhamee jira.

Aadde Toltuu Abdulwahab, Pirezidaantiin Hawaasa Oromoo Australia, dhaamsa dabarsiteen ayyaana kana irratti yeroo duraaf argamuu ishii fi hedduu illee  itti gammaduu ishii ibsitee, hojiileen gurguddoo akkanatt hojjataman  akka walitti qindoomaniif  haala mijjeessuun barbaachisaa  akka ta’e dhaamtee jirti.

Akka aadaa ganamaatti Irreechaan ummata yeroo gannaa addaan citee ture, birraa keessa walitti fida. “Oromoon Waaqa tokkicha kadhata; Guyyaa Irreechaa Waaqa isaa kadhata. Ganna nagaan bahee birraatti ce’uu isaaf galateeffata. Ayyaanni Irrreechaa akkanaan biyyatti akbajamaa jira; nuti kanuma hordofnee kabajaa jirra,” kan jedhe Ob Kumalaa Addunyaa dha.

“Ummati of hin taane nama biraa ta’uuf rakkata. Nama biraa ta’uun hin danda’amu. Nuti, Oromoon yoo of tanee mul’anne irra kabajaa fi jaalala arganna,“ kan jedhe Ob Kumalaan, “aadaa boonsaa akka Irrreechaa kanas guddifannee ittiin addunyaatti mul’achuuf haga humna keenyaa haa tattaaffannu,“ jedhee jira.

Dargaggoon ayyaana kana irratti yeroo duraaf argame yaada kenneen, “ayyaana Kana jechaan ibsuun rakkisaa dha.Yeroo jechaan ibsanii fi yeroo itti deemanii ijaan argan hedduu walirraa fagoo dha. Sirna kana jechaan ibsuu irra ijumaan arguun irra humna guddaa qaba. Irreechaan waan itti boonanii dha, ”jedhee jira

Lammiin biyya alaa tokkos yaada nuuf kenniteen Irreechaatti akka gammadde ibsitee jirti. “An hedduun itti gammade. Biyya kanattin dhaladhee guddadha. Takkka aadaa akkanaa argee hin beeku. Ammoo akkuman argeenin jaaladhe. Kun uumaa waliin walta’uu dha. Kun aayyaana nama jabeessuu dha.”

Ayyaanni Irreechaa akka bara Gadaatti waggoota 6405 oliif otuu walirraa hin citne  kabajamaa dhaloota dhalootatti diroo darbaa yoona gahe kun Australia, magaalaa Melbourne keessatti yeroo duraaf bara 2008  kabajamuu eegale.  Ammaan boodas, ”Irreechaan akkuma hundee  walooma uumaa-uumamaa ta’etti akka jiraatuuf dhalooti durii akka yayyabeetti, qacciin dhalootaa dagaagee daagoree akka fulla’uuf , dhalooti har’aas Irreeffachuu isaanii mamii tokko malee itti fufan,” jedhamee jira.