Daily Archives: December 1, 2024
Toleeyyoti Oromoo afur badhaasa beekamtii toleeyyummaa argatan.
Toleeyyoti Oromoo waggoota dheeraaf hawaasa Oromoo tajaajilaa jiran afur yeroo duraaf badhaasa beekamtii toleeyyummaa argatan.

Toleeyyoti arfan kunneen akka hawaasti jabaatanii aadaa Oromoo guddisan, walitti dhufeenyi hawaasaa itti fufiinsaan akka guddatu kanneen gahee olaanaa gumaachanii dha.
Ob Abdataa Homaa dura taa’aa koree Ayyaana Irreechaa ta’uun waggoota 20 oliif beekumsa, dandeettii, qabeenyaa fi maallaqa isaanii arjoomaa akka jiran seenaan isaanii Kan ragaa bahuu dha.

Ob Daanyee Dafarshaa gama isaaniitiin qindeessaa koree barnoota Ayyaana Irreechaa ta’uun nuffii tokko malee akka Irreechaan dagaagu beekumsa, yeroo,humnaa fi qabeenya isaanii aarsaa kan godhan ta’uun akka isaan beekamtii argatan ta’eera.

Ad Iftu Midhaqsa akka gama isaaniitiin dubartooti jabaatanii aadaa isaanii hawaasummaa isaanii walitti dhufanii guddisan, walis jajjabeessan bakka Irreechaattis aadaa akka Mareyyoo fa’aa hawaasa keessatti hundeen isaa akka lalisu beekumsa, qabeenyaa fi yeroo isaanii kan gumaachan ta’uun ibsamee jira.

Ob Banti Oliqa gama isaaniitiin koree walitti qabaa dinadgee ta’uun akka maallaqni hawaasti walitti buufate seeraan kaayyoo ayyaana Irreechaaf oolu qindeessuun hojiin toleeyyummaa fakkeenya dhalootaaf ta’ee akka dagaagu beekumsaa fi muuxannoo guddaa kan gumaachan ta’uun sirna eeruu toleeyyummaa kana irratti ibsameera.

Toleeyyoti Oromoo arfan kunneen akka beekamtii toleeyummaa argataniif kan kaadhime Waldaa Advocacy for Oromia dha.
Advocacy for Oromia gama isaatiin tooleyyoti Oromoo kunneen akka beekamtii toleeyyummaa argataniif kan godhe damee badhaasa ’Bruce’ 2024 hedduu ni galateeffata.
Four Oromo volunteers have received volunteer recognition awards for the first time.

Four Oromo volunteers who have been serving the Oromo community for many years have received volunteer recognition awards for the first time.
These four volunteers have contributed to the continuous development of Oromo community relations.
Mr. Abdataa Homaa has been donating his knowledge, skills, resources and money as the chairman of the Irreecha organising committee for over 20 years.
Mr. Daanyee Dafarshaa, on his part, was recognized as the coordinator of the Irreecha education committee for his tireless sacrifice of knowledge, time, energy and resources for the development of the commubity.
Ad Iftu Midhaqsa, on her part, encouraged the Oromo women to contribute their knowledge, resources and time to promote their social and cultural resources.
Mr. Banti Oliqa, on his part, contributed great knowledge and experience to the volunteer work as an example for the next generation by organizing the funds raised by the community for the purpose of the Irreecha festival.
The four volunteers were nominated for volunteer recognition by the Advocacy for Oromia Association.
Advocacy for Oromia would like to thank the Bruce Awards branch for the recognition of these volunteers 2024.



