Daily Archives: May 7, 2025
Celebrating 40 Years of the Oromo Community in Victoria, Australia

This year marks a significant milestone for the Oromo community in Australia. In 1984, the first Oromo refugees arrived in Australia, seeking safety and stability. Their resilience and determination led to the establishment of the Oromo Community Association in Victoria—a beacon of unity, cultural preservation, and mutual support.
**Four Decades of Strength and Contribution**
– **1984**: A historic year, as Oromo refugees laid the foundation for a thriving community in Australia.
– **Cultural Legacy**: For 40 years, the association has fostered Oromo traditions, language, and solidarity, enriching Australia’s multicultural tapestry.
– **Advocacy and Growth**: From supporting newcomers to advocating for refugee rights, the association has been instrumental in empowering generations.
**Celebrating the 40th Anniversary**
This anniversary is a testament to the courage of those early settlers and the enduring spirit of their descendants. It honors:
– The sacrifices of pioneers who rebuilt their lives far from home.
– The vibrant Oromo identity thriving in Victoria.
– The ongoing contributions of the community to Australian society.
**Looking Forward**
As we celebrate this milestone, we renew our commitment to inclusivity, advocacy, and intergenerational connection. Here’s to the next 40 years of resilience, unity, and shared achievements!
Aadaa Jaarii: Kadhannaa fi Galateeffannaa Oromoo

Aadaa Oromoo keessatti Waaqa kadhachuufi galateeffachuuf sirnoota raawwatan keessaa tokko Jaariidha.
Sirni aadaa Jaarii jedhamu kun, heddumminaan Oromoo Maccaa, keessattuu hawaasa Wallaggaa biratti kan beekamudha.
Abbaa Gadaa Dassaalee Fayyisaa Sorii, Dura Taa’aa Gumii Abbaa Gadaa Soor Calliyaa fi Walitti Qabaa Gumii Abbaa Gadaa Wallagga Bahaa ta’uu himan.
Ayyaanni Oromoon waggaa waggaan kabajatu keessaa Jaariin ”addadha” jedhu. “Jaariin waan diidatti, muka jalatti kan ba’amudha.”
Sirna Jaarii waggaatti taasifaman keessaa gurguddoon lama akka ta’e himu. Jaarii Arfaasaa fi Jaarii Birraa.
Jaarii arfaasaa
“Jaariin arfaasaa Jaarii kadhataati,” jedhu Abbaa Gadaa Dassaalee.
Ganna dukkanaa dhufuuf deemuu kana irratti hundaa’uun Jaariin kun galgalaan, gara lixaatti goruun, ji’a Waxabajjii keessa kan gaggeeffamudha.
Jaarii kana muka guddaa kan akka qilxuu ykn hoomii jalatti ba’ama.
Dhangaa gosa adda addaa kan akka cumboo, farsoo, buqurii, tumaa nuugiifi waan hedduu biroo dhiyeessuun Waaqa kadhatu jechuun ibsu.
“Nagaan nu baasi…
Gurraacha gannaa keessa nagaan nu hulluqsi
Bakakkaarraa nu hambisi, kan qonnee nuuf baay’isi
Qotiyyoo harqoota keessatti eegi
Ameessa okolee irratti eegi, korma gaana irratti eegi
Deessuu ofkolchiisi
Nagaan booqaa birraatti nu baasi.”
Akkana jedhanii Waaqa kadhachuun ‘Jaarii kana ba’ee, nyaatee dhugee gala’ jedhu Abbaa Gadaa Dassaalee.
Jaariin kun galgala sana qofa waan xumuramu miti. Ganama itti aanuus sirni gaggeefamu jira. Kunis ijoollee mana keessa jiraniin gaggeeffama.
Ijoolleen kun dhangaa galgala sana irraa hafe qabatanii, obdii boqolloo ykn midhaan faca’ee jiru kamuu keessa dhaabbatanii,” qilleensarraaf cabbiirraa nu hambisi, nagaan nu nyaachisi, bineensa nurraa dhowwi, kan keenya kan keenya godhi,” jechuun Waaqa kadhatanii dhangaa san achumatti nyaatu jedhu.
Ayyaanni kun gaafa Waxabajjii 5 gaggeeffama jechuun ibsu.
Jaarii arfaasaa nama naannoo tokkoo ykn qe’ee tokkoo, kan buna waliin dhugutu wajjiin ba’a jedhu.
Guyyaa kana “namni hin quufiin yoo bule…hanga waggaa kanaatti beelli irraa hin dhibu,” jedhamuun nyaati hundi ba’ee namni hundi akka quufee bulu akka taasifamu himan.
Jaarii birraa
Ji’a Sadaasaa keessa kan gaggeeffamu Jaarii birraadha, kunis Jaarii galataa jedhama.
Sirni kun guyyaa keessa muka guddaa jalatti gaggeeffama.
Guyyaa kana irratti horiin qalmaa ni qopheeffama. ”Hoolaa, korma, reettii, dullacha ni qalama,” kan jedhan Abbaan Gadaa Dassaalee, “hangafaaf quxisuu akeekkatee, lammiidhaan ba’ee” galateeffata jedhu.
“Kan nagaadhaan nu baafte galanni siif haa ga’u
Kan bacaqii gannaa keessaa booqaa birraatti nu baaste
Dhangaa nuuf laatte nu eebbisi
Lubbuu namaafis eebba kenni
Bona nutti laaffisi, nagaan arfaasaan nu ga’i.”
Kana jechuun dabareen akka hangafaaf quxisuutti dhaabbatee, seera guutee, wal eebbisee, nyaatee gara mana isaatti gala jedhu.
Jaarii birraaf “lammiif lammiitu ba’a… hanga lammii shaniiti ba’ee wal eebbisa… hanga aanaa tokkoollee ta’uu danda’a,” jechuun himu.
Kan Jaarii arfaasaan yemmuu madaalamu, Jaariin birraa “baay’ee guddaa, baay’ee ho’aa fi kan horiin hedduu itti kaffalamu,” ta’uu ibsani.
Jaarii bakakkaa
Aadaa Oromoo keessatti guyyaa itti bakakkaan bu’e kabaja qaba. Namni manni isaa, obdiin isaa ykn hojiin isaa bakkakkaan rukutames ”nama Waaqni itti gammade” jedhama.
Dallaan bakakkaan itti bu’e ‘booda ni sooroma’ jedhamee amanama. Kanaaf guyyaan sun kabaja guddaa qaba.
Yeroo bakakkaan mana nama tokko keessa bu’u “ogeessi dhufee erga qabduu dhaabe booda marqaa marqanii xuwwee dhaabu,” jedhu Abbaa Gadaa Dassaalee.
Maatiin ‘Waaqni itti gammade’ kun yeroo kana “ulumaayii fi urgeessaa qabatanii, ichilmee fi aannannoo maratanii gabaa ba’uun si’a shan naanna’u,” jechuun ibsu.
Sana booda dhangaa gurgurtaaf namni qabatee gabaa ba’e irra deemuun hanga tokko fudhatu/hammaarratu.
“Dammarraas, boqqolloorraas, xaafiirraas… waan hundarraa ni fudhatu. Namni yeroo kana jala qaba malee hin didu,” jechuun, isa sassaabatan kanaanis sirna kana gaggeeffatu jechuun ibsu.
“Yoo kana ta’ee malee namatti deebi’a jedhama.”
Sirna Jaarii bakakkaa kanaan bakakkaan bu’ee bultii 15 booda, ” [Qabduu] iddoo sanaa kaasanii manatti butanii achiitii marqaa marqanii, kadhatanii, ulumaayii, cilbee fi urgeessaa qabatanii galu,” jedhu.
Marsaa sadaffaa ammoo mana keessatti dhaabbata godhatu.
Akka Abbaa Gadaan kun jedhanitti, yeroo kanatti hoolaa qaluun marqaa marquun “nurraa dhaabii, nagaa nuuf buusi, horii keenyaaf nama keenyaaf,” jedhanii kadhachuun mana keessatti hooqa dhaabbatu.
“Guyyaa bakakkaan horiitti ykn namatti gammade sana namni hojii hin hojjetu… nama kaan utuu hin taane namni miidhamni irra ga’e.”
Jaariin kun kan waggaa waggaan taasifamudha.
‘Yaa Waaq nuu roobi’
Jireenyiifi haalli yeroo hunda mijataa miti. Kadhaa fi galatni yeroo Jaarii kun yoo rakkoon jiraate ni geeddarama.
Kunis “arfaasaa yoo roobu dide, birraa yoo caamuu dide qofadha,” jedhu Abbaa Gadaa Dassaalee.
Yoo arfaasaa roobi caamuu dide, hoolaa ykn korma gurraacha bituun “yaa Waaq nuu roobii” jedhe kadhata ardaa jilaa sanatti hoolaan sanatu qalama jedhu.
Yeroo hoolaan kun qalamu, utuu namni deebi’ee mana hin galiin “guyyaama sana Waaqayyoo rooba dhiisee ture, ammuma kana jandoo buusa,” jechuun amanama jedhu.
Rooba birraa caamuu dideef ammoo hoolaa aadiitu qalama.
“Yaa Waaq nurraa ol jedhi, lafarraa ol nuu jedhi… jiidhina nurraa hin kutiin tortorsitee nu hin balleessiin” jedhee yemmuu kadhatu “kan sila roobuu battaluma caama” jechuun Abbaan Gadaa kun amantaa jiru ibsaniiru.
Jaarii… Ayyaana kabaja lafaa
Qorataa aadaa Oromoo biroo Obbo Dirribii Damissee Jaariin ayyaana kabaja lafaaf taasifamu akka jiruus eeru.
Ayyaanni kabaja lafaa kun kan gaggeeffamu, yeroo namni tokko bakka haaraa dhaqu ykn mana haaraa ijaarratudha.
“Lafa haaraa cirtee, mana yoo itti ijaarratte ykn qonnaafis qopheeffatte kabaja lafaaf ni kennita,” jedhu Obbo Dirribiin.
Lafa kanatti namni tokko erga mana ijaarratee booda, “araddaa nana na simi…midhaanii nu ta’i…milkii nu ta’i,” jechuun mulluufi booka, yoo qabaates hoolaa qalee jaarii godhata jedhu.
Aadaan sirna Jaarii kun Oromoo Maccaa biratti kan beekamu ta’uu kan himan Obbo Dirribiin kutaalee Oromiyaa biroo keessatti jiraachuufi dhabuu garuu quba akka hinqabne ibsaniiru.
Aadaan Jaarii kun kan wajjiin dhuguu fi wajjiin nyaachuun “jaalala waliif qabnu ni ibsa” kan jedhan Abbaa Gadaa Dassaaleen aadaan kun deebi’ee guddachuu akka qabu gorsu.
Yeroo ammaa bakkeewwan akka Giddaa Ayyanaa keessatti deebi’ee eegaluun ofiin irratti hirmaatanillee akka beekan dubbataniiru.
Aadaa Jaariitiin dhalootni “Akka Waaqni jiru ni bara, kadhata ni bara. Hangafaafi quxisuu bara, safuufi maal jedhu ni bara, kanaaf bu’a qabeessadha,” jedhu.
Madda: BBC Afaan Oromoo



