Obbo Abarraa Nafaa: Abbaa Waaltina Afaan Oromoo

Gaazexaa Bariisaa
Gaazexaan Bariisaa fuula Iyyaafannoo kanaan namoota yeroo ta’e tokko biyyaafi ummataaf hojii guddaafi seenaan hin daganne raawwatan barbaadee dubbistootasaatiif dhiyeessa.
Maxxansa kanaan hayyuu guddina Afaan Oromoo keessatti keessumaa waaltina afaanichaatiif bu’uura guddaa buusan, koree waaltina Afaan Oromoo hundeessuufi waggoota dheeraaf dura taa’ummaan tajaajilaa turaniifi ammaan tana sooramarra jiran waliin turtii gabaabaa taasise. innis haala ittaanuun dhiyaateera. Jalqabarratti waa’eesaanii.
Bakka Dhalootaa
Obbo Abarraa Nafaa Naannoo Oromiyaa, Godina Shawaa Lixaa, Aanaa Gindabarat, iddoo Qarree Ittisaa jedhamutti bara 1938 dhalatan. Haalli guddisaanii haaluma ijoollee baadiyyaa kamiiti.
Oggaa umriinsaanii barnootaaf ga’u kutaa 1ffaa hanga 6ffaatti mana barnootaa sadarkaa tokkoffaa Kaachisiitti, 7ffaafi 8ffaa Ginciitti, 9ffaafi 10ffaa Ambootti baratan. Bara 1954 barnoota eegalan.
Erga barnootasaanii sadarkaa lammaffaa Mana Barnootaa Ma’araga Hiywotitti xumuranii booda kolleejjii ‘TTI’ Harar galuun waggoota lamaaf leenji’anii bara 1964tti barsiisummaan eebbifaman.
Hojii barsiisummaa kutaa Sidaamoo, Mana Barnootaa Sadarkaa Tokkoffaa Kaasaa Barii jedhamutti tokko jedhanii eegalan. Ittaansuunis gara magaalaa Yirgaalamitti jijjiramuun Mana Barnootaa Sadarkaa Tokkoffaa Addaraashitti waggoota sadiif walumaagalatti hojii kanarra waggaa torbaaf tajaajila kennaniiru.
Bara 1971tti barnoota olaanaaf Yunivirsiitii Finfinnee, damee barnoota saayinsii afaanii ykn xiinqooqaa (‘linguistics’) jedhamuun bara 1974 digrii jalqabaatiin (‘BA’) eebbifaman.
Hojii Qormaata Afaan Oromoo
Bara 1975tti akka moggaasa yeroo sanaatti Ministeera Aadaafi Beeksisaatti Akkaadaamii Afaan Saboota Itoophiyaatti kallattiidhaan hojii qormaata Afaan Oromoorratti ramadaman.
Bara 1978tti dheebuu barnootaasaanii guuttachuuf digrii lammaffaa (MA) fi hayyamsiisuun hojii hojjechaa akka barataniif hayyama argatanii bara 1980tti barnoota xiinqooqaatiin xumuran.
Akkuma ADWUI aangoo qabateen hayyoonni Ministeera Aadaafi Ispoortii keessa hojjetaa jiran haala dandeettii afaaniifi akkaataa hojiisaaniitiin gara naannoleetti ramadamanii hojiitti bobba’an. Obbo Abarraanis haaluma kanaan Biiroo Aadaafi Ispoortii Oromiyaatti ramadamanii qormaata Afaan Oromoo eegalan.
Hojii qormaata afaanichaa bal’inaan ragaa godinaalee Oromiyaarraa walitti qabamuun eegalame. Qorannoo afaanii mana manasaatiin qindeessuun kompitararra galchuun maxxansiisuu eegalan. Kitaaba maxxanfamu keessaatti gulaalaa olaanaafi qindeessaa ta’uun hojjechaa turan.
Hojiiwwan Ogummaasaatiin Gumaachan
Haaluma kanaan hojiiwwan ogummaasaaniitiin gumaachan keessaa:
- Mammaaksa (proverb) Jildii 1-6 Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaan maxxanfaman keessatti qorataa olaanaafi gulaalaa.
- Walaloo Sirba Warroommii, faaruu, geerarsa Tuulamaa jildii 1 Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaan maxxanfaman keessatti qorataa olaanaafi gulaalaa.
- Dur durii jildii 1-5, Hibboo jildii-1 Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaan maxxanfaman keessatti qorataa olaanaafi gulaalaa.
- Yeroo Galmee Jechootaa Afaan Oromoo Afaan Oromootti hiiku jalqabaaf qubeedhaan hojjetame maxxanfamanii turan keessatti qorataa olaanaafi gulaalaa.
- Galmee Jechootaa Afaan Amaaraa-Oromoo-Inglizii Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaatiin maxxanfaman keessatti qorataa olaanaafi gulaalaa.
- Hirkoo Galmee Jechoota Afaan Ingilizii –Oromoo-Amaaraa Asteer Naggaa maxxanse keessatti gulaalaa.
- Galmee Jechoota Afaan Oromoo Akkaadaamiin Afaanii qopheesse keessatti maxxanfaman keessatti qorataa olaanaafi gulaalaa.
- Caasluga Afaan Oromoo Jildii 1, 2 Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaan maxxanfaman keessatti qorataa olaanaafi gulaalaa.
- Wiirtuu Jildii 1-7 Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaan maxxanfaman keessatti qorataa olaanaafi gulaalaa.
Waliigalatti hojii qormaata Afaan Oromoo karaa qabsiiuu giddugalaan xiyyeefannoon akka hojjetamu hanga soorama bahan itti gulaalaa olaanaafi qindeessaa ta’anii hojjetaa turaniiru.
Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaarraa soorama kan bahan yoo ta’u, biirichatti damee qormaata Afaan Oromoorra hojjetaa turan.
Waa’ee Waaltina Afaan Oromoo Maal Jedhan?
Obbo Abarraa waaltina Afaan Oromoo ilaalchisee akkana jedhu:
“Ministeera Aadaafi Turizimii keessatti Akkaadaamiin Afaan Saboota Itoophiyaa jedhamu maqaadhaan dhaabatee ture. Ijoolleen Oromoo baay’een achi keessa turre. Yeroo sana qormaatuma gaggeessaa ture. Kanaaf waa’ee waaltinaas hubannoo qabnaayyu.
Oggaa bara 1983 namni naannoo naannoosaatti haa tajaajila jedhamu nuti gara Oromiyaatti ramadamne. Anis Oromiyaa dhaqeen damee afaaniirrattii ramadame. Achumarraan erga afaan kun carraa akkasii argatee ammuma waalteffamuu qaba jennee hojiisaa jalqabne.
Hojii qormaata afaaniis bu’uurarraa jalqabuu wayya jennee koree Waaltina Afaan Oromoo hundeessine. Koree kana natu dhaabsise.
Biirolee adda addaarraa namoonni garagaraas dhufan. Gaazexaa Bariisaarraas namni bakka bu’e jiraayyu. Akkasumaa Biirolee Beeksisarraa, Barnootaafi, Abbaa Alangaa Oromiyaarraa bakka buutonni koricha keessa turaniiru.
Gaazexeessitoonni Huseen Badhaasoofi Bulloo Siibaa fa’is miseensota koree waaltinaa turan. Yeroo sana namni fedhii guddaafi addaa qaba ture.
Koree Waaltinaa Afaan Oromoo bara 1983 hundeeffame. Haala kaanis hojiinsaas ittifufe.
Biiroleefi godinaaleerra deemamee ragaan funaanuun pirojektii qopheessinee Mootummaan Naannoo Oromiyaa bajata eeyyamee isaan wajjin hojjetaa turre. Nuti ammoo as teenyee ragaa funaaname qindeessaa turre. Haala kanaan mammaaksa qofa gara kuma 36 walittiqabnee maxxansiisneerra. Yeroo sana hojiin akkuma gaariitti hojjetame.”
Waaltina
Obbo Abarraa waaltina irrattis akkana jedhu:
“Waaltinarratti rakkoon akka jiru oggaa Ministeera Aadaafi Beeksisaa hojjechaa turretti waan hubannetu akka koree waaltinaa dhaabnuuf nu kakaase. Koree waaltina jechuun jechoota giddugalaatti fayyadamuu jechuudha.
Fakkeenyaaf maqaalee ji’ootaafi guyyootaa haala walfakkaatuun fayyadamuu jechuudha. Ammayyuu namoonni tokko tokko borcaa jiru. Sirriitti fayyadamaa hinjiran. Maqaa guyyootaa Wiixataa kaasee hamma Jimaataatti jiran koreen waaltinaa kaa’eera.
Garuu ammayyuu namoonni tokko tokko Sanbata guddaa, Sanbata xiqqaa jechaa jiru. Kun sirrii miti. Sanbata xiqqaafi guddaan dhiibbaa amantiirraa kan dhufeedha. Koreen Waaltinaa garuu Sanbata, Dilbata… jedhee waaltesse.
Dhimma kanarratti Caffeen Oromiyaas murtiisaa dabarseera. Guyyaasaa akka lakkoofsa Habashaatti fooyyesse. Maqaa guyyootaafi ji’ootaa koreen waaltesse Caffee Oromiyaatu sarkulaariidhaan raggaasise.
Yeroo sana namoonni kan koo haata’u jechaa turan jiraatanillee walamasiisuudhaan akka waalteffamu gochaa turre.
Sanbata guddaa Sanbata xiqqaa jechuun kan amantiiti malee kan Oromodurii miti. Kan Oromoo Sanbataafi Dilbata. Jechi Sanbata jedhamu uumamasaatiin kan Yuhudotaati. Dilbanni kan Oromooti.
Sanbata, Dilbata, Wixata, Kibxata jenna. Guyyoonni maqaan baay’ee qaban jiru. Keessumaa Kibxanni maqaalee hedduu qaba; keessumaa filannee fudhanne malee.
Jechoota waalta’ootti fayyadamuurratti paartiileen siyaasaafi mootummaan waliigalaniiru.
Koree Waaltinaa keessa waggoota dheeraafin hojjedhe. Bara 1983 eegalee hangan soorama bahutti hojjechaan ture. Kitaabni wiirtuu hanga jildii 13ffaatti maxxanfamuun baay’ee nama gammachiisa. Ani waa’ee afaan kanaatiif dheebuu guddaan qaba ture.
Waa’ee afaanicharratti hojjechuufi bu’aa argamee akka nama bishaan dheebotee dheebuusaa kutatuuttin ilaala.
Kanirratti hojjechaa turre waaltina sagaleessuu, qubeessuufi jechootaarratti. Kanaan Oromoon qe’eewwan hundatti argamu akka haala walfakkaatuun fayyadamuuf tattaafataa turre.
Fakkeenyaaf jechi Wiixata jedhamu eessumattuu beekamuu qaba. Manneen barnootaa, manni murtiifi waajjiraaleen haala walfakkaatuun hojjechuu qabu.
Warri afaan kana duubatti harkisuu barbaadan ammayyuu waan jiraniif sirriitti eeguu barbaachisa.
Aanga’oonnis jechoota waaltaanitti fayyadamuu qabu. Barreessitoonniifi miidiyaaleenis akkasuma.
Kun ta’uu baannaan warri kitaaba barreessan akka kitaabnisaanii hinbaane gochuu barbaachisa. Kitaabnisaanii seera Afaan Oromoo guutee barreeffamuunsaa qaama dhimmi ilaaluun mirkanaa’uu qaba.
Kanaafis Akkaadaamiin Afaan Oromoo akka hundaa’uuf gaafachaa turre. Afaan aadaa guddisa, aadaanis afaan guddisa.
Kun kan ta’u kallattiidhaan qormaata irratti gaggeessuudhaani. Wiirtuunn barruulee waaltina Afaan Oromooti. Kanneen biroos maxxansuun barbaachisaadha.
Maxxansaaleen akka Gaazexaa Bariisaa hangaftichaafi Kallachaa Oromiyaa baay’achuu qabu. Yoo haala kanaan irratti hojjetame malee afaan hinguddatu, hinwaalta’u.
Ijoolleen sadarkaa gadiirraa kaaftee ittiin barachuu qabdi. Kun jidduutti laafee kan ture deebi’ee jabaachuu qaba.
Afaanichi deeggarsaafi xiyyeeffannaa argachuu qaba. Akkuma tikseen horii eegdu afaanichi eegamuu qaba. Amma waan karaa qabateef hayyoonni xiyyeeffannaan irratti hojjechuu qabu.
Warri Afaan Oromoo jallisanii barreessuun afaanicha doomsuu, jibbisiisuufi akka qancaru gochuu barbaadan waan jiraniif to’annoofi tika cimsuu barbaachisa.”
Barreeffama kana caalaatti gabbisuuf keessumaa seenaa hayyuu kanaa nuu erguun kan nu gargaaran Aadde Dirribee Qana’aa, (Inistiitiyuutii Qorannoo fi Q’anno Oromoorraa) guddisnee galateeffanna.
Charinnat Hundeessaatiin
Bariisaa
Bitootessa 6, bara 2018
Posted on March 22, 2026, in Events, Finfinne, Information, News, Oromia, Press Release, Promotion. Bookmark the permalink. Leave a comment.




Leave a comment
Comments 0