Reviewed by Taammanaa Bitimaa*
ISBN 10: 9994400053
ISBN 13: 9789994400058
Publisher: Shama Books
Publication Date: 2006
Authors: Ton Leus with Cynthia Salvadori
Book Title: AADAA BOORANAA – A Dictionary of Borana Culture
Language: Oromo
Pages: 709
Kitaabni kanaa olitti kaayame kun fuuleewwan 709 qaba. Fakkoolee (footota) kan waayee garagaraa agarsiisan danuu of-keessatti baaddhatee argama. Kitaabichi aadaa, seenaa, dinagdee fi Afaan Oromoo sirriitti kan muldhisu. Kitaabni kun duraan bara 1995 keessa “BORANA DICTIONARY” maqaa jedhamuun bayee ture. Ammoo, inni kun waan isa durii caala qaqqajeelee wanni daran hedduus itti- dabalamee bayeef, barroo (kitaaba) haaraa dha jechuutu dandayama. Mee waan hundaa dura waayee barreessicha beekamaa kanaa, waayee Ton Leus gabaabinaan haa ilaallu!
Ton Leus dhalootaan nama Biyya Hoolandaa yoo tahu, Oromiyaa teenya biyya ofii tan lammaffaa godhachuun waggaalee 27 keessa jiraate. Kan jiraates godina Booranaa yoo tahu, akkuma uummataatti jiraachuun kabaja, jaalalaa fi raajeffannoo uummata keenyaa nama dhuunfate ture. Inni karaa amantiitiin nama Kaatolikii yoo tahu, kan qeyee ofii taasifacuun bara dheeraa uummataaf tajaajila barbaachisu kennaa ture, ganda naannoo Yaaballootti argamu Dhaddiim keessa. Ton Leus waggaalee jedhaman kana keessa aadaa fi Afaan Oromoo qorachuu hojii isaa keessaa isa duraasaa waan godhateef, kunoo kitaaba hedduu tujuba-qabeessa akkanaa nuuf dhiisee dabruu dandaye. Ton Leus bara 2007 keessa du’ee kan awwaalames bakka Oromoonni dhibbi baay’een argamanitti, dachee Oromiyaa irratti, biyyee Oromiyaa keessatti, ganda Dhaddiim kan qeyee ofii taasifate san keessatti. Sanduuqa reeffaa keessa kaayamuun kitaaba isaa kana keessaa tokko, isa waliin awwaalame. Inni nu dhiisee dabrullee gumoon hojii isaa, kitaabni kun akka bakkalcha bariitti dhaloota Oromoo dhufuuf ifaa jiraata.
Mee amma gara handhuura barroo kanaatti ceenee, wanneen tokko tokko haa ilaallu! Yoo barreessichi kitaaba isaa kanaan galmee-jechootaa (“dictionary”) jedheenillee, inni galmee-jechootaa otoo hin taane, kubee (kuusaa-beekumsaa – “encyclopedia”) dha. Kubeedhuma keessayyuu kan hedduu tujuba-qabeessa tahe. Kitaabichi aadaa, afaani fi seenaa Oromoo, keessaumaa kan Oromoo Booranaa akka gaariitti kan ibsu. Waan hundumaa caala Afaan Oromoo afaan sooressa, baldhaa fi dilbaayaa tahuu isaa kan sirriitti muldhisu. Mee isa kana fakkeenyota muraasa wayii fudhanneetoo haa ilaallu!
Kitaabichi akka galmee-jechootaa kanneen biroo fakkeenyaaf aannan = “milk” jedheetoo kan bira dabru otoo hin taane, aadaa aannanii kan Oromoon qabuu fi gosa aannanii tokko tokkoon tarreessa. Jecha kophee = “general word for shoe” jedhamu jalatti, Oromoon Booranaa gosa kophee 11 qabaachuu isaa addeessa. Kunis: kophee gogaa, kophee hoddhaa, kophee salaalaa, kophee yabbuu, kophee imbiraa, kophee iskarbaa, kophee lailonii (naayilonii), kophee mukaa, kophee odaa, kophee yabbuu satawwaa, burkaanii. Jecha loon = “cattle, livestock, herd, herd of cattle” jedhamu jalatti immoo jechoota 20 ol tarreessa. Akkanuma jecha sirba = “song, singing, dance” jedhamu jalatti gosa sirbaa kan Oromoon Booranaa qabu 26 kenna. Kitaabni kun sonaan hedduu dilbaayaa waan taheef, akkanumatti jecha tokko fudhachuun isa jalatti jechoota baay’ee tarreessa. Dabaleesoo, aadaa fi seenaa jecha san wajjin walqabatanis tolchee ibsa. Afaan Oromoo hedduu sooressa, baldhaa fi miidhagaa tahuu isaa, kitaabni kun akka daawwitiitti nu fuuldura qabeetoo sirriitti nutti agarsiisa. Afaanuma Oromoo keessayyuu loqoddaan Booranaa akkaan sooressa tahuu isaa muldhisa. Loqoddaan Booranaa kan loqoddaalee Afaan Oromoo isaan biroo irra sooressaa fi badhaadhaa tahee argumas, waan Oromoon Booranaa sirna gadaa: isa sirna aamantii, sirna taliigaa, sirna dinagdee fi sirna gamtaa of-keessaa qabu saniin, hanga ammaattuu buluufi.
Karaa seenaas yoo fudhanne, keessumaa waayee sirna gadaa fi amantii Oromoo, Waaqeffannaa akka gaariitti ibsa. Gadaa Oromoo Booranaa bara 1467 irraa kaasuun hanga bara 2008-2016-tti abbootii gadaa 70 tarreessuun gosa fi maqaa gadaa isaanii wajjin kenna. Kunis abbaa gadaa Oromoo Booranaa isa jalqabaa: Gadayyoo Galgaloo Yaayyaa (1467 – 1475) irraa hamma abbaa gadaa isa bara 2008 filameetti, jechuun Guyyoo Gobbaa Bulee-tti (2008 – 2016) tarreessa. Kan biraa dhiifnee yoo bara jedhame kana (1467) akka jalqaba gadaa Oromootti fudhannellee, kun karaa sirna dimokiraasii kan addunyaa keessatti raajeffatamu. Otoo warri Oroppaa bara 1492 irraa kaasanii Kolumbus faa ardii Atilaantika gamaatti erganii, “Ameerikaa arganne” jechuun hin odeeffatinii fi hin ololeeffatin dura, Oromoon sirna qaroominaa kan tahe, sirna gadaa isa dimokiraasii irratti bu’ureeffameen bulaayyu jechaa dha.
Mee ergan kitaaba kana raajeffannoo cimaa taheen isiniif dhiyeessee booda, waan tokko kan dogoggora tahen tuqee dabra. “Kan hin dogoggorre Waaqa qofa” jedha, mammaaksi Oromoo tokko. Kunis akka maxxansa kitaaba kanaa isa lammaffaa irratti qajeelfamuufi malee, akka aadaa Oromoottillee nama boqote qeeqachuun hin malu.
Kitaabni kun jechoota Oromoon afaanota biroo irraa ergifachuun qaama jechoota ofii taasifate garii kenneeti jira. Kunis waan dansaa tahe. Ammoo, karaa kanaan daddhabbiiwwan tokko tokko muldhatanii argamu. Qorannoon madda-jechootaa (“etymology”) badhee (“field”) mataa ofii dandaye qaba. Kunis kan yeroo dheeraa fi qarannoo cimaa barbaachisu taha. Kitaabni kun jechoota Afaan Oromoo keessumaa kan loqoddaan Booranaa afaanota: Arabaa, Iswaahilii, Somaalee, Amaaraa, Ingilizii, Faransaa fi Xaaliyaanii irraa ergifate ni agarsiisa. Kan afaanota Ingilizii, Faransaa fi keessumaa Xaaliyaanii irraa afaan keenya ergifate dogoggora malee, akka gaariitti muldhisa. Garuu, kan Afaan Arabaa irraa ergifataman garii isaanii akka waan Afaan Amaaraa irraa ergifatamaniitti dhiyeessa. Dhugaa dha; isaan kana keessaa kan Afaan Oromoo karaa Afaan Amaaratiin ergifates ni jiru. Haatahu malee, kan inni kallachumatti Afaan Arabaa irraa ergifates Afaan Amaaraa irraayyi ergifate jechuun dogoggora taha. Akkanuma kan Afaan Oromoo Afaan Arabaa irraa kalachumaan ergifates akka waan Afaan Iswaahilii irraa ergifateetti dhiyeeffamee jira. Fakkeenyaaf jechoonni: kitaaba, kibriita/ kibritii, saabunaa/ saamunaa, sanduuqa, shaa’ii/ shaayii, si’aasaa/ siyaasaa, sigaaraa/ sijaaraa, sukkaara/ shukkaara, maqasii, Kamisa jedhaman faa Oromiyaa guutuu fi dabres Biyya Oromoo hundumattuu ni beekamu. Isaan akkanaa kana Afaan Oromoo kallachumatti Afaan Arabaa irraayyi ergifate malee, akka kitaabicha keessatti jedhame kan Afaan Iswaahilii irraa ergifatee miti. Kun barroo raajeffatamaa keenyaa, kan Ton Leus keessatti callaa otoo hin taane, kan namoota alagaa isaan galmee-jechoota Afaan Oromoo dhiyeessan danuu keessattis kan muldhatu. Kunillee dogoggora yartuu wayii ti. Dogoggorrin ani amma kanaa gaditti dhiyeessu isa jechoota handhuuraa Afaan Oromoo tahan, akka waan Afaan Amaaraa irraa ergifatamaniitti kennamanii kan ilaalu. Isa kana bakka lamattan qoodee ibsuuf yaala.
a) Jechoota Afaan Amaaraa Afaan Oromoo irraa ergifate akka waan Afaan Oromoo Afaan Amaaraa irraa ergifateetti dhiyeessuu; fakkeenyota : cuubee, (“a large knife”), callee (“small colourful beads”), caakkaa (“dense forest”), bordee (“beer brewed from maize or other grains”) , goojjoo/ godoo (“shack”), daboo (“helping one another in agricultural work”), qabattoo (“strap, belt”), qaboo (“calling a few people together for work”), qoroo (“Borana agents appointed by the representative of the government”) faa. Mirkana; isaan kana keessaa garii Oromoon Booranaa karaa warra Amaaraa dursee dhagayuun ni mala. Ammoo, kun amala warra galmee-jechoota Oromoo barreessanii jechuun warra biyyoota alaa taheetu, isaan akkanaa kana akka waan jechoota Afaan Amaaraa tahanitti dhiyeeffama. Mee amma dubbii waan kana sirriitti nu hubachiisu tokkon, gabaabsee dhiyeessuu fedha.
Oromoonni Booranaa akka qoosaattis tahu Oromoota Shawaa fi Wallaggaa kan ittiin waaman dubbii tokko qabu. Kunis: “warra yaa gooftaa-koo jedhu”, isa jedhamu. Oromoonni Booranaa akkuma Oromoota Tuulamaa fi Maccaa isaan durii-durii ilmoo namaatiin “gooftaa” hin jedhani. Isaaniif “gooftaan” Waaqa duwwaa dha. Aadaa Oromoo keessa ilmoo namaatiin “yaa gooftaa-koo” jedhaniitoo gadi-jechuunis hin turre. Amantii Oromoo, Waaqeffannaa keessattis “gooftaan” Waaqa tokkicha qofa waan taheef, fudhatama hin qabu. Oromoonni Biyya Habashaa waliin daangaa qaban kan akka: Raayyaa, Walloo, Tuulamaa fi Maccaa faa booda keessa akkuma warra Amaaraa namanis “gooftaa” jechuu eegalani. Kun kan nutti muldhisu Oromoon Booranaa jecha kana dursee kan dhagaye Oromootuma irraayyi jechaa dha. Kanaafuu, jechoota Afaan Oromoo kan naannolee biroo irraa Oromoon Booranaa dhagayee ergifate, akka jechoota Amaaraatti kennuun sirrii hin tahu. Wanni kun warra gara fuulduraatti galmee-jechootaa kan Afaan Oromoo nuuf dhiyeessaniin qulqullaayee lafa kaayamuun, dirqama saayinsiin afaanii hordofu taha.
b) Jechoota Oromoo kan gonkumaa Afaan Amaaraa keessatti hin argamne, akka waan Oromoon Booranaa Afaan Amaaraa irraa ergifateetti dhiyeessuu; fakkeenyota: batatee/ babattee (“in a plow, the pair of triangular pieces of wood that support the metal blade”), dafi (“quickly, in hurry”), fida (“to bring”), furaa/ furtuu (“key”), jirbii (“cotton”), qaanessa (“to disgrace, embarrass”), qamadii (“wheat”), qanani’a (“to have a good life”), qophaa’a (“to be ready”), qullubbii (” garlic”), shaanaa (“cabbage”), shawwee (“fresh maize”), shila’a (“to pass through, go through”), shufuroo (“a careless person, one who is antidy”), talallaa (“vaccination”), tiiqii/ xiiqii (“revenge”), ukkuma (“to order forcefully, coerce with force”), gooftaa (“master, lord”), boggee (“pants, shorts”), bonkisa (“to thresh grain”), daanoo/ daana’oo/ daanawoo (“weevil”), kokii (“cup”) faa. Egaa, jechoonni kun akkuman kanaa olitti tuqe matumaa kan Afaan Amaaraa keessa hin jirre waan tahaniif, loqoddaan Booranaa loqoddaalee Oromoo warra biroo irraayyi ergifate jechaa dha. Namni waan ofii hin qabne, waan ofii hin beekne namaaf liqeessu yookaan ergisu hin jiru!
Dogoggorrin kanaa olitti ibsuuf yaale, dogoggora namni waa hojjatu gochuu dandayu waan taheef, maalaleffannoo kitaaba kanaa kan gadi-xiqqeessuu miti! Kitaabni Ton Leus kun kan akkanatti sooromee, badhaadhee, miidhagees nuuf dhiyeete, waan barreessichi aadaa fi Afaan Oromoo uummata keessa jiraachuun bara dheeraa gadi-fageenyaan qorateefi. Dabaleesoo, waan inni Oromoota hedduu deeggartoota ofii godhachuun keessatti hirmachiiseefi. Malli inni itti-dhimma baye kun, gara fuulduras warra aadaa fi Afaan Oromoo qorachuu fedhaniif fakkeenya qajeelaa fi sirrii kan tahu. Oromoonni waa dubbisuu dandayan cufti kitaaba guddichaa fi tuujaba-qabeessa kana, akka mana ofii keessaa hin dhabnen cimsee dhaamsa kiyya dabarsa!
* Taammanaa Bitimaa: Gurree@web.de
Barliin, Jarmanii
20. 04. 11
Познавательный блог
Извините за офф-топик, не подскажете, где можно такой же симпатичный шаблон для блога взять?
Спасибо за информацию
Автор, пиши чаще – тебя читают!
Спасибо за инфу
Хороший пост! Подчерпнул для себя много нового и интересного! Пойду ссылку другу дам в аське 🙂
This is a priceless effort by the author to have such a great history and culture written in book form.
I am a Kenyan an i need a copy, how do i get it?
God bless.
very good encyclopedia for oromo and oromo lovers and RIP for authors.
now we need more another books by following lues ton footprint he broughty us thispreceous dictionary and we must improve this trial.
for me he was did a huge thing to our communty.
rip……..
!!!!!!!!
!!!!!¡
!!!””””
!!””””