Dhimmi Jaal Abdii Raggaasaa maatii fi hiryoota yaaddeesse; mootummaan Jaal Abdii dhoksee jira.

(Oromedia, 28/03/2020) Maatiin jaal Abdii Raggaasaa yaaddoo fi dhiphina guddoo keessa akka jiran ibsan.

Maatiin akka dubbatanitti Jaala Abdii Raggaasaa erga ijaan arginii torban tokkoo ol ta’ee jira.

Maatiin akka himutti Jaal Abdiif torbaan tokko dura gaafa gaafa 20/03/2020 GC ykn 11/07/2012 EC mana hidhaa inni duraan keessa ture Buraayyuutti ciree fi laaqana geessaniifii turan. Haata’uutii, galgala akka lakk biyyattiitti 12:30 Jaal Abdiin fudhamee bakka hin beekamne geeffamee jira.

Erga torban tokkoo as maatiin bakak halle iyyaafataa jira. Garuu “haga yoonaatti eessa akka geessan hin beeknu; bakka jiruyyuu qaamni nuuf ibse hin jiru,” jedhan maatiin Jaal Abdii.

Haala Jaal Abdiin keessa jiru “manni murti Burrayyu illee hin beeku,” kan jedhan maatiin Jaal Abdii, yeroo ammaa kanas maatiin marti dhiphuu guddoo keessa akka jiru dubbatu.

“Abban keenya baadiyaa jiraatan rifaatuu irraa kan ka’e dhukkubsatanii sireerratti hafanii jiru; nutis takkaa gadi hin teeny; barbaacha isaatif dhibee CORONA kanaf ille akka nun sababne nu soodachisa,” jechuun haala keessa jiran ibsan.

Maatiin Jaal Abdii hanga hardhatti waajjira Poolisii magaalaa Buraayyuutti deddeebi’anii gaafataa jiran. Waajjirri Poolisii magaalaa Buraayyuu garuu “jaal Abdiin as hin jiru; Finfinneetti fudhatame” ittin jedhan.

Eenyu akka isa fuudhee fi eessa akka jiru immoo qaamni maatiitti hime hin jiru.

Haalli kun immoo maatii yaaddessaa jira. “lubbuun jiraachuu fi jiraachuu dhiisu isaayyuu wanti beeknu hin jiru; hanga ammatti qaamni mootummaa ‘bakka akkasi jiraa, hin yadda’inaa’ nuun jedhe hin jiru; erga guyyaa sana inuma barbaanna.” jedhan.

Kana malees, dhimmi fayyaa isa ahedduu akka isaan yaaddessu maatiin Jaal Abdii hin dhoksine. “Nuti waa’ee fayyaa isaaf hedduu yaaddoo qabna; mootummaan dhugaadhuma waanta isaaf barbaachusus ni guutaaf jennee irraa amantaa hin qabnu; Jaal Abdiin dhukkuba asmii dhukkubsachaa jira.” jedhu.

“Uffata jijjirraas dhugumaan mootummaan ni kennaaf jennee hin amannu; yeroo hamtuu kanatti beekaadhuma akka rakkinaaf saaxilamuuf nu jalaa dhoksan; kana biraan dhibeen #Corona nama hunda yaaddeesu akka isa hin tuqne waanti beeknu hin jiru.” jechuun dhiphina maatiin qabu nuuf ibsanii jiru.

Akka odeeffannooa rgannetti, baallamni mana murtii jaal Abdii gaafa 18/07/2012 ture. Garuu dhaddacharratti hin dhihaanne.

Inumaa poolisiin magaalaa Buraayyuu “dhimma kana qaama biraatti dabarsine waan ta’eef galmeen nuuf haa cufamu,” jechuu isaa maddi keenya gabaaseera.
Abukaatoo, Maatii fi jaallan isaa yeroo ammaa kanatti yaaddoo guddoo keessa jiran.

Jaarmyooti mirga dhala namaaf falman ibsoota baasaniin mootummaan Itoophiyaa qabiinsa mirga namoomaa Jaal Abdii akka fooyyessu gaafachaa jiraachuun beekamaadha.

Itoophiyaan addunyaa kana irratti dhiitinsa mirga namoomaan sadarkaa duraatti galmooftee jirti. Biyyattii keessatti nama harka poolisii jiru tokko, keessumaa Oromoo yoo ta’e, abukaatoo fi maatii jalaa dhoksuun, dhiittaa mirga namoomaa irratti raawwachuun mootummichaa kan addunyaan ifatti beekuu dha.

Advertisement

About advocacy4oromia

The aim of Advocacy for Oromia-A4O is to advocate for the people’s causes to bring about beneficial outcomes in which the people able to resolve to their issues and concerns to control over their lives. Advocacy for Oromia may provide information and advice in order to assist people to take action to resolve their own concerns. It is engaged in promoting and advancing causes of disadvantaged people to ensure that their voice is heard and responded to. The organisation also committed to assist the integration of people with refugee background in the Australian society through the provision of culturally-sensitive services.

Posted on March 28, 2020, in Corona, Events, Finfinne, Information, Koronaa, News, Oromia. Bookmark the permalink. Leave a comment.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: