Daily Archives: April 11, 2020

Kaayyoo Wareegamtoota Keenyaa Galmaan Ni Geenya!

Guyyaa Gootota Wareegamtoota Oromoo Ilaalchisee ibsa ABO irraa kenname.

(A4O, Ebla 15, 2020) Gootota Wareegamtoota Oromoo ti. Guyyaan kun Gootota qabsaawota keenya kanneen Bilisummaa Saba keenyaa mirkaneessuudhaaf dabarsanii of kennan/wareegaman kan itti yaadannee oolluu dha. Akeekni kabajaa fi yaadannoo guyyaa kanaa, injifannoo fi mirgoota wareegama isaaniitiin gonfanne tikfachuu fi Kaayyoo isaan (Goototni Wareegamtootni keenya) wareegamaniif itti fufnee guutummaatti galmaan gahuudhaaf Waadaa/Irbuu qabsoo haaromsachuu dha.

Guyyaan Gootota Wareegamtoota Oromoo (GGWO) kan bara kanaa sababoota gara garaatiin kanneen amma duraa hunda irraa addummaa ni qaba. Sababootni kunneenis: Ebli 15, 2020 waggaa 40ffaa wareegamni ulfaataan Shinniigaa kan Ebla 15, bara 1980 (kan seenaa Guyyaa kanaatiif sababa tahe sun) itti mudatee tahuu isaa, Ayyaana GGWO kan bara kanaa yeroo fi haalli keessatti kabajannu yeroo Golfaan hamaan Vaayiresii Koroonaa Addunyaa keenya girgireessaa jirutti tahuu fi hunda caalaa ammoo, haalli amma keessa jirru qabsoo Ummata keenyaa kan wareegama qaalii Gootota keenyaatiin boqonnaa injifannoo ol’aanaa keessa
seenee jiru duubatti deebisuudhaan Qabsoo Bilisummaa Saba keenyaa Galma isaa hanqisuu fi wareegama Gootota keenyaas gatii malee hambisuuf dabni siyaasaa farreenii fi diinota Qabsoo Saba keenyaatiin xaxamu kan yeroo kamuu caalaa sadarkaa ol’aanaa yeroo itti dhaqqabee jirutti tahuu isaa ti.

Kaayyoon Qabsoo Bilisummaa Saba keenyaa kan wareegama qaalii fi ulfaataa Gootota keenyaa gaafate sun, Sabni Oromoo biyya ofii irratti Bilisummaa guutuu gonfatee dhiibbaa tokko malee hiree isaa akka ofiin murteeffatu dandeessisuu dha. Qabsoo hadhaawaa fi wareegama qaalii Gootota keenyaatiin waggoota 2 dura siyaasa biyya kanaa keessatti jijjiiramni abdachiisaan mul’atee ture. Jijjiirama abdachiisaa ture kan bu’aa/gatii wareegama Gootota keenyaa tahuutti amannu sana irra dhaabbatamee Adda Bilisummaa Oromoo fi Paartii Itoophiyaa bulchaa ture gidduutti waltahiinsa godhameenis ABOn Hooggana isaa Ol’aanaa Finfinneetti deebise. Bu’uurri waltahiinsa sanaa qabsoon ABOn gaggeessu qabsoo haqaa mirga Ummataa kabajsiisuu tahuu isaa fi gama kaaniin ammoo karaan bulchitootni Itoophiyaa hordofaa turan farra dimokiraasii tahuun amanamee irraa deebi’uudhaan, kana booda humnootni siyaasaa hundi bilisa tahanii karaa nagaa akeeka siyaasaa ofii Ummatatti dhiheeffachuudhaan murtii Ummataaf abboomamuuf wal hubannoo irra gahamuu ture.

Har’a waadaan sun hangam takka kabajame? Gama eenyuutiin maaltu hanqate? Abdiin sun sadarkaa maalii irra jira? waan jedhu Ummata keenyatti himuun waan feesisu nutti hin fakkaatu. Waan ija isaa duratti tahaa jiru waan arguuf. Har’a miseensota Hooggana Ol’aanaa ABO akka J/Abdii Raggaasaa fi MGS fi qondaalota Dhaabichaa hedduu dabalatee deggertootni ABO fi qabsaawotni Oromoo biroo kan mirga Saba kanaa kabajsiisuuf wareegama baasaa turan kumootaan sababa gahaa fi murtii seeraa malee hidhaa keessa jiru. Mirga Sabni Oromoo wareegama qaalii Gootota isaatiin gonfate kan akka Oromiyaa, Afaan Oromoo, … kkf. sharafuuf (duubatti deebisuuf) shira hedduutu xaxamaa jira. Kun waan Sabni keenya xiyyeeffannoo addaatiin hordofuu fi irratti qabsaawee irra aanuu qabu dha.

Egaan, Ebla 15 (Guyyaa Gootota Wareegamtoota Oromoo) kan bara kanaa oggaa kabajannu haala akkanaa keessa jiraachuu keenya hubachuu fi akkamiin haala kana irra aanna? gaaffii jettu sammuu keenyatti qabachuudhaan tahuu qaba jenna.

Gama biraatiin, Sababaa dhibee Vaayiresii Koroonaa irraa kan ka’e, Guyyaa Yaadannoo Wareegamtoota keenyaa kan bara kanaa (Ebla 15, 2020) guutuu Addunyaa irratti (biyya keessaa fi biyyoota alaattis) akka baroota dabranii lakkoofsa namaa hedduudhaan walitti dhufnee sirna how’aa gara garaatiin miidhagsinee kabajachuu haala nu dandeessisu keessa hin jirru. Dhibee Vaayiresii Koroonaa amma Addunyaa raasaa jiru tatamsa’ina isaa xiqqeessuuf namootni lakkoofsaan hedduu tahan bakka tokkotti akka walitti hin qabamne gochuun maloota Addunyaan itti dhimma bahaa jirtu keessaa tokko waan taheef. Haa tahu malee, haalli rakkisaa fi danqaan fedhes jiraatu Ayyaana Guyyaa Yaadannoo Gootota
Wareegamtoota keenyaa kabajannee isaan yaadannee ooluu nu hin hanqisu. Akkuma isaan Bilisummaa keenyaaf jireenya ofii wareegan, nutis isaaniin hoggayyuu yaadachaa, Kaayyoo isaanii kan tahe galma gahiinsa Qabsoo Bilisummaa Saba keenyaa akka mirkaneessinu waadaa qabsoo haaromfachuuf haala kamuu keessatti sirna yaadannoo Gootota Wareegamtoota keenyaa ni gaggeeffanna.

Kana waan taheef, Ayyaanni Yaadannoo Gootota Wareegamtoota keenyaa kan bara kanaa haala armaan gadiitiin (seeraa fi tartiiba of eeggannoo ittisa dhibee Koroonaa wajjin haala wal hin faallessineen) akka kabajamee oolu Addi Bilisummaa Oromoo miseensotaa fi deggertoota isaa dabalatee Ummata bal’aa Oromoo kan biyya keessaa fi biyyoota alaas jiraniif dhaamsa dabarsa:

1. Namni hundi bakka jirutti haala isaaf danda’ameen galgala jal-bultii guyyichaa (Ebla 14, 2020) Yaadannoo Gootota Wareegamtoota Keenyaaf dungoo qabsiisuu fi Faaruu Wareegamtootaa “Maal dhaamanii, Jaallewwan Qabsoof Kufanii …?” jedhu dhaggeeffachuu fi faarfachuudhaan yaadachuu.

2. Ebla 15, 2020tti ammoo nam-tokkeenis tahe maatiidhaan ykn murnaan, akkuma akka walitti dhihoo fi waliin jiramutti qophii feesisuu fi danda’amu taasisuudhaan, Kaayyoo Gootota Wareegamtoota keenyaa galmaan gahuuf ni gargaara jennee waan itti amannu kanneen armaan gadii fi kan biroos raaw’achuudhaan Guyyicha kabajatanii ooluu:

a) Suuraa Wareegamtootaa, Faaruu fi Dhaadannoo Qabsoo, Walaloo, Diraamaa … kkf. keessaa waan dandeenye qopheeffachuun wal afeeruu fi haasawa, tapha, marii
wareegamtoota keenya ittiin yaadannuu fi Kaayyoo isaanii fiixaan baasuuf waadaa keenya itti haaromsannu waliin qabaachuu,

b) Kaayyoon Qabsoo Goototni Wareegamtootni keenya lubbuu isaanii wareeganiif akka galma gahuuf kan gargaaru deggersa dinagdee (maallaqas tahe qabeenya biroo) gumaachuu dandeenyu malaa fi caasaa qabnuun gumaacha gochuu,

c) Dhibee balaafamaa yeroo ammaa Addunyaa kana raasaa jiru ilaalchisee odeeffannoo jiru, mala of eeggannoo irratti qajeelfama karaa Dhaabbattootaa fi ogeeyyota wal’aansa fayyaa (WHO, Oggeeyyota Wal’aansa Fayyaa Keenyaa fi kan biroo) irraan tamsa’an wal dhageessisuu fi wal irraa dhagahuun dhimma itti bahuu,

d) Kan biyya keessaa lammiilee keenya sababa gahaa fi balleessaa malee bakka adda addaatti hidhamanii jiran gaafachuu fi haala isaan itti gadi lakkifaman irratti qaamota mootummaa isaan hidhe dubbisuu fi dhiibbaa feesisu taasisuu,

e) Namoota dhibee Koroonaa kanaan qabaman seera of eeggannoo ittisa dhibee kanaa haala hordofeen gargaaruudhaan du’a irraa baraaruuf waan dandeenyu gochuu,

f) Sababa tatamsa’ina dhibee kanaatiin uggura sochii fi tajaajila adda addaa irra kaa’ameen namoota harka-qalleeyyii rakkinaaf saaxilaman seera of eeggannoo ittisa dhibee kanaa haala hordofeen gargaaruuf waan danda’amu gochuu,

g) Hanga haalli hamaa fi yaaddoon dhibee Vaayiresii Koroonaa kanaan uumame furmaata irra wayyaa argatutti haala hojii qabsoo, sochii fi qunnamtii keenyaa akkamiin qindeeffachuu akka dandeenyu mari’achuu fi qindeeffachuu,

Kanneen armaan olii fi kan biroo waan Kaayyoo Wareegamtoota keenyaa fiixaan baasuuf ni gargaara jennu hunda gochuudhaan guyyaa ulfaataa fi kabajamaa tahe, Ebla 15 Guyyaa Gootota Wareegamtoota Oromoo (GGWO) kabajannee haa oollu jenna.

Ulfinaa fi Yaadannoon Bara-baraa Wareegamtoota Keenyaaf !

Injifannoo Ummata Bal’aaf !
Adda Bilisummaa Oromoo

Ebla 11,2020

Advertisement

FINNA KAN GAMA : The very small dot on Borana and Ethiopian Empire from Haile Sillase I to Abiy Ahmed

By: Jatani Bonaya.


July 29,2018 and April 10, 2020 @S.E

– Every men are fighting for their right! It is natural law, no doubt!
– The marginalized people my people fight for their right and defend their land of our ancestors for many centuries and also todays.
– Ethiopian government from the very beginning marginalized Borana people, bc the Ethiopian govt know that they are naturally brilliant and kind people. So bc of their malignant, purposely they wear the hot political blanket to this destitute people.
Phase-1
– During the King Hailey Sillassea I , they ask the children required to join modern school in the name of ” Ijoollee bulguu Kennan” ; which is the witness for what am talking means marginalization of Borana by Ethiopian Empire. But, by hearing this name who sent their children to school? No one! So at the first and second round no one of Borana sent their children to school.
– At the 3rd round they ask the children sending to modern school as the taxes; then those whom have a cattle, by giving 2-5 bulls to taxes collector’s and find loophole to stay their children @home. And then, unfortunately those whom have no such opportunity sent their children to school. …that’s how 1939 and 1944 the fifty four (54) of Borana Ethiopia (Liban and Dirre Province) children got the chance to join modern school. Even though they became the figa of Finna kan Gama later.
……phase-2
During the Durgue regime Borana was the top in the some high sectors of the regime as those members of 54 students play the great role in the position they got. Eg Shalaqaa Jatani Ali Tandhu, Godana Tune, Jarso Sora (the Abebe Biqila trainer), Sara Jarso, Leut.kol Salesaa Jalo,..and others .
Phase-3
– After the fall of Durge, later so called ” the day hyena by PP” Woyane come to the Empire. As they conquered the Ethiopian Empire, as soon as they defeated the Durgue regime, the grounded plan was to destruct and destroy this Nobel people “Borana/Oromo”. Bc they know that’s they never succeeded over the Oromia until they consume utterly the Borana people.
– After going far in the people, TPLF become lucky to cut the sociocultural unit net of Borana. Then they killed 1st&most patriotic Borana leader Major Jatani Ali Tandhu, they killed Aba Gadaa Boru Guyo @the first and asserted to use Aba Gada Boru Madha to conquer Borana , then they killed him too after they got unbelievable Gutu Aba Liban confidential way of life. (NB: they sent soundless bullet to Abbaa Gadaa Boru Madha, that’s no one never thought and no idea even today), purposely they are using that bullet still now, specially @the rural area. Totally, the assassination of Aba Gad Boru Guyo and Major Jatani Ali dumbed Borana.

Recently, in 2017 and around beginning of 2018 there was the atrocious massacre at Moyale, Sodda, Dira Dima, Mata Wayama, etc and everywhere at Dheda Liban of Guji Zone. Eg. March 10,2017 above ten innocents were killed and many injured in Moyale at the mid day by EAF ruled by TPLF.

In other way, as the TPLF rooted as the leader of Ethiopian Empire; the Somali start again to grab Borana/Oromo land as they believe in their Lord Woyane. Then, the mass land of Oromo/Borana occupied. But, the Borana people never rest to defend. Even up to the moment Borana defending the enemy to save Oromo and Oromia. Borana people are the castle to Oromia. But, Neither FDRE nor Oromia Regional State have no mind about the Borana whom bleeding for Oromia and Ethiopia. I ve no idea why ORS never feel about the Oromia boarder along Eastern and southern part.

For example, the No-1 pic below show numbers of the Borana students those come to their home from different colleges and Universities during vacations. As they return to the home @Summer for vacation or after graduation, they have the duty to shift their fathers and brothers those whom were @guardian for ten months/ over the year. Similarly pic-2 shows the Borana students peacelful demonstration against land grabbing and border attack by EAF and LP of SRS.
Be Noted that; after the graduation other students in d/t part of the country’s may stay @city in order to search for the job opportunity. But, Borana students are not lucky for such chance as they are on field or battle to safe life of our community. …..etc. Always my people hopefully wait for to FINNA KAN GAMA, but unluckily, every Finna seems similar.
Phase-4
When OPDO take power over TPLF by Qeerroo-Qarree and wide Oromo nation struggle , the Borana people Slaphappy as much as all Oromo nation and celebrated hotly as they were hopefully waiting for to the ” Finna kan Gama (the administration after this/means after TPLF during that’s time)”. But, the result real inverse and they continue to hoping again Finna kan Gama! …..is that Finna nearer?
The new established Ethiopian government ” the first transition one” led by Oromo son called Abiy Ahmed Ali (PhD) failed to understand that’s our people Borana/Oromo waiting and hoping for Finna kan Gama. Even the PM failed to lead them as equal as any nations of the country. I think so that, the ruling part recently named PP forget their role as government on how to curb with insecurity issues if any, in some part of the country. They start to take again the ff measurement instead of enjoying “Finna Kana” peacefully .
*******1. PP bans the motorcycles and block internet – they said it was a very simple punishment. As mostly used vehicle ( Motorbikes ) in southern Oromia (Borana and Guji), it results economic decline as these vehicles were the income sources of the mass youths and core transport of the rural areas, these was the least impact .
******2. PP/ODP renewed the genocide act as of EPRDF. Again the bloodbath by E/Empire continued and Borana bleeding again by EAF.
Horrific bloodshed history repeats itself in Western and southern Oromia, by usual mass murder film on civilians by EAF continue playing Carnage Theater. Many live lose!
Eg. – @Miyo District Bride and groom were killed with bridal suit and others.
– @Moyale they finalized the pre-plan of TPLF and killed Borana Key elders
– @Duda Dawa of West Guji zone they did the same
– @Many PA ward the burned house were unccouted
– @Dheeda Liban again the did the same and still doing. …etc. Let U continued the rest and I took u to the present situation of COVID-19 pandemic prevention and testing center establishment.

As Borana/southern Oromia bordered with neighboring country, Borana people asked the government to establish the COVID-19 TESTING CENTER at the twin city of Moyale , Borana , Ethiopia. But, the gov’t too late to give the attention and again still I ve no idea abt the the response. People are screaming, But no ears to listened. I’m not more surprised of the Ethiopian Empire ruling party Biltiginna silence, bc it is not new for us. We Borana/Oromo experienced a lot whether E/E ve idea about our people. Therefore, again am hopeful pray the Almighty to save life of our people from this pandemic virus so called COVID-19 and jumping as to an other Finna kan Gama!
I hope that “Finna kan Gama” will be the Finna of Hope, Libration, Love, Joy and Prosperity.

 

The Sidama Nation Mourns the Sudden Death of kalaa ‘Yosef Sibu Guraro’ Who’s Passed in Las Vegas’s family house.

(A4O, April 11, 2020) The Sidama nation is deeply disturbed and mourns the sudden death of its unwavering nationalist, one of formidable Human rights activists and the renowned advocate for the Sidama’s national self-realisation and self-governance. He has passed away in his home on the midday of April 10, 2020 Las Vegas (Nevada) local time.

 Yosef has battled with the Covid19 for the last two weeks and has fully recovered from the illness. Besides, he remained in his isolation room until his final day within the family house. During the midday of April 10, 2020 local time, his wife prepared a meal and knocks at his room door to leave it for him. She has done so since he has isolated himself to protect his kids and her. During the time she has left his meal and fluids at the door, she saw him accessing his computer. He has also advised her that he has fully recovered and not to worry.

After some time since she returned to the lounge (salon) on the ground floor where kids were playing; she heard huge bang from the upper floor and rushed to his room to find him lying on the floor. Subsequently, she called for an ambulance. Within two minutes the Paramedics (Ambulances) were there but unable to save the Sidama’s hero from his death. Yosef has suddenly left his wife and kids deeply traumatised and the nation extremely saddened.

Kalaa Yosef Sibu’s persistence and unwavering determination is seen as a symbol of the Sidama’s national resistance and by the enemy as Ethiopian empire’s foe as he has battled with the unionist in Las Vegas and its environs; where he has worked and lived for the entire time since he has moved to the USA over 15 years ago.

Furthermore, kalaa Yosef Sibu is one of the SNLF’s founding and executive committee members. His contribution since he has joined the SNLF has been enormous. He has tirelessly worked day and night for the Sidama’s national cause with those who have devoted their lives for the same cause. Moreover, he has also continually live streamed on social Medias to inform the Sidama nation and the wider subjugated nations and peoples of Ethiopia with larger emphasis on fighting for a common good in unison.

Kalaa Yosef was in Kenya’s refugee camp (Kakuma) for a considerable period of time before moving to the United States of America about 15 years ago.

Kalaa Yosef will be missed by his little kids, his wife and the wider Sidama nation. His body is waiting to a rest after the decision of the Las Vegas authorities who have a protocol on how to bury those who are affected with (Covid19).

The SNLF sends its deepest condolences to his wife, children, family and the wider Sidama nation. We also kindly advise all Sidama community- in particular those who are in the USA to do all it takes to continually support his young family at this difficult time.

The Sidama National Liberation Front (SNLF), April 11, 2020

%d bloggers like this: