Victorian Qoqqobbii Koronaa Jabeessite

(Oromedia, Victoria, 21 June 2020) Mootummaan Victoria babal’ina koronaa ittisuuf qoqqobbii fi to’annaa jabeessuu beeksise.
Mataan mootummaa Victoria, Daniel Andrews, miidiyaaf akka beeksisetti, sababa dhibeen koronaa namoota 25 haarawaa irratti argameef qoqqobbiin sochii hawaasaa daangessu akka jabaatu godhame.
Akka labsa qoqqobbii haarawaa kanatti Waxabajjii (June) 22 irraa eegalee haga Adoolessa 12tti mana tokko keessatti namoota shanii ol ta’anii argamuun hin danda’amu.
Alatti immoo namoota kudhan qofaatu, bakka tokkotti argamuu danda’a
Daniel Andrews akka jedhetti, yeroo kana keessatti nageenya hawaasaa eeguuf filannoon jiru qoqqobbii jabeessuu qofaa dha.
“Seera sochii hawaasaa daangessu kana baasuutti gammachuu hin qabu; nageenya hawaasa keenyaa eeguuf furmaanni jiru kanuma,” jedhan.
Hojii irra oolmaa qoqqobbii kanaa mirkaneessufis, qaamoliin seeraa sakatta’iinsa manaa-manatti godhamu raawwachuuf qophiitti jiru.
Kanuma waliin qoqqobbii duraan ture laaffisuuf karoorri bahee jirus, sababa qoqqobbii haarawaatiin akka turfamu godhameera.
Akka kanaan Waxabajjii (June) 21 irraa eegalee haga Adoolessa 12tti jiraattota mana keessaa waliin kanneen mana keessatti argamuu danda’an namoota shan qofaa dha.
Mana nyaataa keessatti namoota 20 ol ta’anii argamuun hin dnada’amu.
Daangaan Victorias haga Adoolessa 12tti cufamee kan turu ta’a.
Karoorri sadarkaa sadaffaa kan haga namoota shantamaa akka walitti dhufuu danda’an hayyamus torban sadiif akka hojii irra hin oolle taasifameera.
Qoqqobbiin haarawaa kun kan labsame sababa namooti 25 haarawaa irratti dhibeen koronaa argameef akka ta’e beekameera.
Dilbata, Waxabajjii (June) 21 bara 2020, sa’aa 11.59 halkan irraa eegalee qoqobbiin tokko tokko akka jijjiiramu ibsamee turuun kan yaadatamuu dha.
================
“Nageenya kee eeggachuu fi waan qajeeloo dalaguu yaadadhu. Yoo mana teessee dalaguu dandeetta tahe, mana taa’ii dalagi. Waa tokko godhchuun si irra hin jiru yoo tahe – hin godhini.”
Posted on June 21, 2020, in Uncategorized and tagged Koronaa, Qoqqobbii, Victoria Australia. Bookmark the permalink. Leave a comment.
Leave a comment
Comments 0