Qe’ee Oromoo Gaddaa fi Boohicha keessaa baasuuf qabsoo keenya haa jabeessinu!



Obbo Abarraa Tolasaa waan Oromoo ta’aniif hidhaman; reebaman; reebicha mana hidhaa keessatti waraanni mootummaa isaan irraan ga’e dandamachuu dadhabuun dhiyeenya kana lubbuun isaanii darbe.
Ilmi isaanii Henok Abarraa baruma kana yeroo adda addaatti hidhamaa ture; ammas kaleessa magaalaa Buraayyuutti qabamee eessa akka jiru hin beekamu.
Ammas mucaa isaanii Liidiyaa Abarraa erga kaleessa obboleeshishee qabamee isheenis eessa akka jirtu hin beekamu. Liidiyaan Yuunversiitii Amboorraa barnoota fayyaa barataa turte. Liidiyaan utuu barattuu dhiibbaa mootummaan irraan ga’u ulfaachaa waan deemeef barnoota addaan kutte.
Har’a Oromoon Maatiidhaan gidiraa argaa jira. Waraanni mootummaa Abiy roorroo Oromoo irraan ga’u daran hammeessee jira. Roorroon mootummaa Abiys ulfaataa waan ta’eef qe’een Oromoo boohichatti deebi’ee jira. Maatiin Ob Abarraas sababuma kanaan qe’ee isaanii gadhiisan.
Roorroon kun itti fufa kaleessaa ta’uun mamii hin qabu. Biyyi Oromoo waggooat 150f harka alagaa jira. Yeroo sanaa kaasee Oromoo nagaa fi bilisummaa dhabee jira. Oromoon garuu qabsoo hin dhiifne. Oromoon hedduun aangomeera; Oromoon hedduun mirga isaa beekeera; Oromoon hedduun falmaatti seeneera; hidhaa fi ajjeechaansi daranii jabaatee jira.
Oromummaan har’a yakka guddaa ta’eera. Waanti jabaan Oromoon of harkaa qabu immoo sabboonummaa Oromoo ti. Sababa kanaa har’a Oromoon maatiidhaan wareegama ulfaataa baasaa jira. Oromoon gidiraa ulfaataa kana keessaa bahuu qaba. Haga gidiraan kun hin dhaabbannetti, gaddii fi boohich qe’ee ob Abarraa fa’aa seene kun, qe’ee Oromoota maraa hin hanqatu.
Dhugaadha, bilisummaan Oromoo furmaata Oromoo ti. Bilisummaan Oromoo kanaan booda dhufu lubbuu Ob Abarraa fa’aa hin deebisu. Garuu, Bilisummaan Oromoo kanaan booda dhufu, qe’een Oromoota miliyoonaan lakkaayamanii akka qe’ee gaddaa fi boohichaa hin taaneef FURMAATA waaraa ti. Qe’ee Oromoo Gaddaa fi Boohicha keessaa baasuuf qabsoo keenya haa jabeessinu!
Posted on April 20, 2020, in Finfinne, Information, Oromia. Bookmark the permalink. Leave a comment.
Leave a comment
Comments 0