Irreechaa: Guyyaa Aadaa Oromoo

(A4O, 28 Fulbaana 2013) Ayyaanni Irreechaa ayyaana galateeffannaa waggaatti altokko Oromoon yeroo birraa walitti dhufee kan darbee itti galateeffatu; ka dhufu immoo itti kadhatuu dha.

Ayyaanni kun seenaa Oromoo waliin hidhata jabaa fi fulla’aa qaba. Gadaa Mormor bara 6400 caalaa fulla’ee fi Gadaa Odaa Nabee bara 1800 ol itti fufee jiru irraa adda bahee kan hin beekne, Ireechaan Oromoo, bara Oromoon nagaa fi bilisummaan jiraataa tures, bara Oromoon dhibdee fi garbummaa keessa jiraataa jirus otuu walirraa hin citiin, jabina abbootii keenyaan baroota kuma jahaa fi dhibba afurii oliif ka fulla’ee dha.

Dhalooti har’aas seenaa fi aadaa boonsaa abbootii keenya irraa dhaalan, Irreeffannaa, sadarkaa olaanaatti ol guddisuuf tattaaffii guddaatti jiran. Sababa kanaan, Irreechaan, guyyaa aadaa Oromoo ta’uun akka sabaa fi biyyaalessaatti beekamaa jira. Kana malees, Irreechaan, Oromoota eenyummaa fi aadaa saba keenyaaf quuqamaniif guyyaa galateeffannaa callaa miti; karaa itti waan aadaa fi eenyummaa Oromoo itti deebisanii guddisanii dha.

 Irreechaan guyyaa itti akka sabaatti gamtaan walarganii dhimma har’a itti jiran waliif himan, waan egeree immoo waliin qindeeffatan, guyyaa walooma Oromoo ti. Gamtaan bahanii Irreechaa irratti aadaa fi eenyummaa ofii agarsiisuunis mallattoo sabboonummaa ti.

Advertisement

About advocacy4oromia

The aim of Advocacy for Oromia-A4O is to advocate for the people’s causes to bring about beneficial outcomes in which the people able to resolve to their issues and concerns to control over their lives. Advocacy for Oromia may provide information and advice in order to assist people to take action to resolve their own concerns. It is engaged in promoting and advancing causes of disadvantaged people to ensure that their voice is heard and responded to. The organisation also committed to assist the integration of people with refugee background in the Australian society through the provision of culturally-sensitive services.

Posted on September 28, 2013, in Uncategorized. Bookmark the permalink. Leave a comment.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: