Barattoonni Oromoo Gargaarsa Hatattamaa Barbaadu.
(Finfinnee, 29 Bitootessa 2020) Barattootnni Oromoo yunivarsitiiwwan addaa addaarraa gara maatii isaaniitti deebi’aa jiran rakkinaaf saaxilaman.
Oduun Finfinnee irraa nu dhaqqabe akka ibsutti, yeroo ammaa kana barattoonni hedduun sababa dhibee koronaavaayirasiitiin gara maatii sianaiitti deebi’aa jiran.
Haata’u malee,barattoonni Oromoo naannoo qunnamtiin bilbilaa uggurame irraa dhufan maatii waliin walqunnamaa wana hin turreef maalalqa ittiin galan dhabanii buufata konkolaataa Askootti rakkachaa jiru.
Barattoonni Oromoo kunneen bakka bulan dhabanii hanga namoota 60 tahanii otobuusii keessa buluuf dirqamanii jiru.
Kana birattis, waan nyaatan dhabanii gargaarsa barbaadaa akka jiran beekameera.
Barattoonni kunneen dhaamsa dabarfataniin namoonni dandeettii qaban barataa tokkollee yoo ta’e maatii biraan gahuudhaan qooda lammummaa akka bahan gaafataniiru.
*Barattoonni Yunivarsitiiwwan addaddaa irraa gara maatiitti deebi’aa jiran kunneen gargaaruu yoo barbaaddan adaraa karaa email: info@advocacy4oromai.org nu qunanmaa!
Posted on March 29, 2020, in Corona, Events, Finfinne, Information, Koronaa, News, Oromia. Bookmark the permalink. 1 Comment.
Pingback: Barattoonni Oromoo Gargaarsa Hatattamaa Barbaadu. Kichuu