Dhaabbileen Oromoo Jaatamaa ol Ta’an Marii Biyyalessaa Irratti Yaaddoo Qaban Ibsan

Finfinnee, Amajjii 21/2022-Dhaabbileen hawaasaa Oromoo jaatamaa ol ta’an hundeeffamuu Komishiini Marii Biyyalessaa Itoophiyaa ilaalchisuun ibsa kennan. Yeroo jalqabaaf dhaabbilee Sivikii, Falmattoota Mirga Dhala Namaa fi Waldaalee Hawaaasaa Oromoo idil-addunyaa walitti dhufanii marii biyyaalessaa adeemsifamuuf jiru irratti yaaddoo qaban ibsan.
Sadaasa darbe manni maree bakka bu’oota uummaataa labsii hundeeffama Komishiini Marii Biyyaalessaa raggaasisuun isaa ni yaadatama. Manni maree bakka bu’oota uummaataa labsiin kun beekumsa biyyaa keessaa fayyadamuun furmaata waaraa ni fida, akkasumas duudhaalee hawaasaa walitti ni hidha jedhe. Manni marichaa hoggansa Komishiini Marii biyyaalessaa uummataan akka kadhimamuu fi mana maree bakka bu’oota uummaataatiin akka ragga’u eere.
Dhaabbileen kunneen adeemsa fi tarkaanfileen marii biyyaalessaa keessatti fudhatamanii amanamuummaa uumuun marii dhugaatiif haala ni mijeessuu danda’an lafa kaa’an. Ibsi kun marii biyyaalessaan dura tarkaanfilee fudhatamuu qaban tarreessa. Isaanis Lammilee waraanan miidhaman hundaaf haal duree tokko malee deeggarsa namooma adda hin cinne taasisuu, hidhamtoota siyaasaa hunda haalduree tokko malee hiikuu fi Humnootni alaa hunduu, keessumaa humni nageenyaa, loltootni fi basaastotni Ertiraa, Itoophiyaa keessaa akka ba’an dabalata. Dhaabbileen Oromoo kunneen mootummaa Itoophiyaa fi qooda fudhattoota hundaaf tarkaanfii waraana dhaabsisuu fi marii walabaa, hunda haammate fi hunda hirmaachise akka taasifamuuf qooda isaanii akka ba’atan waamicha dhiyeessan.
“Marii biyyaalessaa keessatti adeemsii fi tarkaanfileen fudhataman amanamuummaa uumuun marii dhugaatiif haala mijeessa. Kunis Oromiyaa keessattii fi naannoollee hundatti alatti dirree siyaasaa jiru bal’isuun miidiyaaleen walabaa akka jiraatan, mariiwwaan bu’uraa fi lammilee hundaa hirmaachisu taasisutu barbaachisa. Haaluma kanaan marii bal’aani fi hirmaachisaan qamoolee dhimmi ilaallatu waliin,yeroo, turtii, raawwii, iddoo, qabiyyee, saffisa, adeemsa, fi hojiirra oolmaa marichaa irratti akka taasifamu irra deebi’uun waamicha dhiyeessina.” jedha ibsichi.
Ibsa Guutuu
Ibsa hundeeffama Komishinii Marii Biyyalessaa (KMB) Itoophiyaa ilaalchisuun Dhaabbilee Sivikii, Falmattoota Mirga Dhala Namaa fi Waldaalee Hawaaasaa Oromoo idil-addunyaa irraa kenname.
Nuti dhabbileen asii gaditti maqaan keenya dhahame, qophii mootummaan Itoophiyaa dhimmoota bu’uraa biyyaalessaa irratti waliigaltee umuuf, marii biyyaalessaa jalqabuuf taasisu itti dhiyeenyan hordofaa jirra.
Mootummaan labsii hundeeffama KMB ulaagaa ifa hin taaneen kophaa isaa raggaasiseera. Yeroo ammaa kana, hojimaata ifa hin taanee fi abbootii dhimmaa ijoofi deeggartoota waliin marii ga’aan utuu hin taasifamiin namoonni Komishiini Marii Biyyaalessaa gaggeessan filatamaa jira.
Hidhamtootni siyaasaa muraasni hiikamuu isaanii agarree jirra; garuu hidhamtootni kuma hedduu ta’an ammayyuu mana hidhaa jiru. Tarkaanfiin dura kun mootummaan biyya bulchaa jiru hidhamtoota siyaasaa hafanillee hiikuuf akka yaade fi qalbii guutuun maricha irratti hirmaachuuf fedhii qabaachu agarsiisa jennee abdanna.
Haa ta’u malee, mootummaan Itoophiyaa qaama walaba, Komishiinii loogii siyaasa irraa bilisa ta’e hundeessuu danda’u miti. Kuni ammoo marii biyyaalessaa hunda hammate godhuuf ulaagaa ijoofi barbaachisaadha .
Kanaafuu, ibsa Hagayya 18, 2021 basneen waraanii akka dhaabatuu fi mariin hunda hirmaachise akka taasifamu gaafatu irra deebi’uun, gaaga’amni siyaasaa walxaxaan biyyattiin keessa jirtu furamee nageenni waaraan akka dhufu gorsa armaan gadii dhiyeessuu barbanna.
1.Waraanni hatattamaan akka dhaabbatu taasisuun, humnoota federaalaa fi garee hidhattootaa naannoo Oromiyaa, Tigraay, Beenishaangul Gumuz, Amhaara fi Affaar keessa jiran giddutti walii galteen dhukaasa dhaabuu taasifamee, mariin siyaasaa hunda hirmaachise akka godhamuuf haala miijessuu.
2.Lammilee waraanan miidhaman hundaaf dhiyeessii nyaataa fi qorichaa dabalatee deeggarsa namooma adda hin cinne haal duree tokko malee akka taasifamu; kanneen amma sababa hongeetiin beelaaf saaxilaman deeggaruu fi tajaajiloota bu’uura akka baankii, telekoomi, geejjibaa fi tajaajila ibsaa, lammilee miliyoonan lakkaa’aman naannolee Oromiyaa, Tigraayi, Beenishaangul Gumuuz, Affaar, Amaaraa fi Somaalee keessatti argamaniif akka deebi’u.
3.Hoggantoota Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) dabalatee, hidhamtootni siyaasaa hundi haalduree tokko malee akka hiikaman. Caamsaa 2021 irraa eegalee hidhaa mana keessaarra kan jiran hayyu dureen dhabichaafi, dargaggootni Oromoo kumatamootan mana hidhaa adda addaa keessa jiranii fi hidhamtootni biroo haalaa sabummaa irratti xiyyeffateen erga labsiin yeroo muddamaa bahe hidhaman hundi akka hiikaman.
4.Humnootni biyya alaa hunduu, keessumaa humni nageenyaa, loltootni fi basaastotni Ertiraa, Itoophiyaa keessaa akka ba’an taasisuun biyyootni naannoo gaanfa Afrikaa fi biyyootni Itoophiyaa wajjiin walitti dhufeenya qaban deeggarsa akka godhaanii fi haala dhiittaan mirgaa akkasumas wal waraansi waliinii itti dhaabbatu haala miijessuu.
5.Komishiinii marii biyyaalessaa walaba ta’e, qooda fudhattoota hundaa biratti fudhatamummaa qabu fi marii biyyaalessaa ifaa fi hunda haammataa ta’eef haalaa miijessu danda’u hundeessuu. KMB mootummaan deeggaramu itti gafatamummaa barbaachisaa fi seena qabeessa kana amanamummaan ba’uu danda’a jennee hin amannuu; komishiiniin qaama kamirrayyuu walaba ta’e akka hundeeffamuuf hawaasni idil-addunyaa deeggarsa barbaachisa akka taasisu waamicha dhiyeessina.
6. Marii biyyaalessaa keessatti adeemsii fi tarkaanfileen fudhataman amanamuummaa uumuun marii dhugaatiif haala mijeessa. Kunis Oromiyaa fi naannoollee hundatti dirree siyaasaa bal’isuun miidiyaaleen walabaa akka jiraatan, mariiwwaan bu’uraa fi lammilee hundaa hirmaachisu taasisutu barbaachisa. Haaluma kanaan marii bal’aani fi hirmaachisaan qamoolee dhimmi ilaallatu waliin,yeroo, turtii, raawwii, iddoo, qabiyyee, saffisa, adeemsa, fi hojiirra oolmaa marichaa irratti akka taasifamu irra deebi’uun waamicha dhiyeessina.
Nuti dhabbileen asii gaditti maqaan keenna eeramee, waldaaleen hawaaasaa, dhaabbileen Ogeeyyii, falmattoonni mirgoota namoomaa fi hawaasni waligalaa Oromoo, mootummaa Itoophiyaa fi qooda fudhattootni biyyattii hundaa akkasumas Hawaasa idil addunyaa, Dhabbatni Motummoota Gamtoomanii, Yunaayitid Isteets, Chaayinaa, Gamtaan Awurooppaa fi biyyootni miseensa gamtichaa, Gamtaan Afrikaa fi biyyootni miseensa gamtichaa, Gamtaan Emireetota Arabaa, Turkii fi Iraan, naannolee Itoophiyaa hunda keessatti walitti bu’iinsi akka dhaabbatuu fi adeemsi marii biyyalessaa haqa qabessaa fi hirmaachisaa ta’e akka itti fufuf tarkaanfii barbaachisu akka fudhattan gaafanna.
Posted on February 1, 2022, in Uncategorized. Bookmark the permalink. Leave a comment.
Leave a comment
Comments 0