Daily Archives: October 18, 2026
IYYANNAA MAATII: BARBAACHAA ILMA ISAANII ELIYAAS WADAJOO FIDAA WAGGOTA 30F

Abdiin Maatii Hin Citu: Barbaachaan Eliyaas Waggoota Soddoma Booddees Itti Fufe
Oromiyaa, Godina Wallaggaa Lixaa, Aanaa Boojjii Coqorsaa, Ganda Fiigaa Koobbaraa 01 keessatti dhalatee guddate Eliyaas Wadajoo Fidaa, maatiin isaa waggoota soddomaa ol erga adda ba’anii abdii isaanii hin kutanne.
Eliyaas barnoota sadarkaa 1ffaa fi giddugaleessaa Mana Barumsaa Fiigaa Koobbaraatti barate; barnoota sadarkaa 2ffaa immoo Boojjii Dirmajiitti xumure. Bakkaa fi bara sirriitti isaa adda baafnee yaadachuu baannus, kolleejjii irraa eebbifamee naannoo sanatti barsiisaa ta’ee hojjechaa ture. Akkasumas hojii daldalaatiin bobba’ee jiraachaa ture.
Yeroo naannoo sanaa irraa fagaatetti dargaggeessa, nama gaa’ila hin qabne ture. Garuu, waggoota gara 30 dura, sababa sirriitti hin beekamneen naannoo dhaloota isaa irraa erga deeme kaasee, hanga har’aatti bakka inni jiru maatiin isaa hin beekan.
IYYANNAA MAATII
Waggoota dheeraaf maatiin Eliyaas isa barbaadaa jiru. Abbaanii fi haati isaa, akkasumas maatiin isaa guutuun, bakka inni jiru, haala jireenyaa isaa fi nageenya isaa beekuu hawwu. Yoomiyyuu abdii osoo hin kutatin, odeeffannoo waa’eesaa kamiyyuu dhaga’uu hawwu. Waaqayyo hin godhin malee yoo rakkoon addaa isa mudatee jiraate illee, maatiin isaa hirmii baafatanii garaa kutachuu barbaadu.
AKKATAA GARGAARSAA
Namooti kabajamoo, ergaa kana dubbisaa jirtan hundi:
- Yoo Eliyaas Wadajoo Fidaa beektan, yookaan waa’ee isaa odeeffannoo qabaattan, maaloo nuuf qoodaa.
- Yoo namoota isa beekan arguu dandeessan, ergaa kana isaan biraan ga’aa.
- Yoo odeeffannoo isaa hin qabne, maaloo ergaa kana SHARE gochuun namoota hedduu bira akka ga’u nu gargaaraa.
Odeeffannoo xiqqoon isin qabdan nama waggoota dheeraaf maatiin isaa barbaadaa jiran kana argamsiisuu danda’a. Ergaan isin qooddan tokko maatii fi ilma isaanii waggoota hedduuf addaan ba’an walitti fiduu keessatti gahee guddaa qabaachuu danda’a.
ELIYAASIIF ERGAA:
Eliyaas, yoo ergaa kana argite, maatiin kee si barbaadaa jiru. Maaloo nageenya kee beeksisi!
ODEEFFANNOOF QUNNAMTII
Namni odeeffannoo waa’ee Eliyaas qabu kamiyyuu, maaloo lakkoofsa bilbilaa armaan gadii irratti nu qunnamaa:
+251 920419911
+251 945322544
+251 932920632
+251 917928869
ERGAA KANA SHARE GODHAA—MAATII WALITTI FIDUU KEESSATTI GARGAARAA
Waaqayyo nama kana haa eegu; maatii isaas haa gammachiisu!
ULFAADHAA!!
Family’s 30-Year Search for Missing Son Eliyaas Wadaajoo Fidaa

A Family’s Unwavering Hope: The Search for Eliyaas Continues After Three Decades
In the heart of Oromia, in West Wollega Zone, Bojji Chokorsa District, a family continues to hold onto hope after nearly 30 years of separation from their beloved son, Eliyaas Wadaajoo Fidaa.
Born and raised in Fiigaa Kobara Village, Kebele 01, Eliyaas completed his primary and secondary education at Fiigaa Kobara and Bojji Dirmaji schools respectively. Though the exact dates remain unclear, it is known that he graduated from college and worked as a teacher in the area before eventually venturing into business.
At the time he left his home region, Eliyaas was a young, unmarried man. However, for reasons that remain unknown, he departed from his birthplace approximately 30 years ago—and since that day, his family has had no knowledge of his whereabouts.
A Family’s Plea
For decades, Eliyaas’s family has been searching for him. His father and mother, along with his entire family, long to know where he is, how he is living, and whether he is safe. They have never given up hope, holding onto the possibility that they might one day hear news of him. Even if he has faced hardships, his family wants him to know they are waiting to embrace him with open arms.
How You Can Help
This is a heartfelt appeal to all who read this message:
- If you know Eliyaas Wadaajoo Fidaa or have any information about him, please share it with the family.
- If you know people who might recognize him, please pass this message along.
- If you have no information, please SHARE this message to help it reach as many people as possible.
Even the smallest piece of information could reunite a family that has been waiting for decades. One share could play a significant role in bringing together a family and a son who have been separated for far too long.
A Message to Eliyaas
Eliyaas, if you see this message, your family is searching for you. Please let them know you are safe.
Contact Information
Anyone with information about Eliyaas is kindly asked to reach out through the following numbers:
+251 920419911
+251 945322544
+251 932920632
+251 917928869
Share This Message—Help Reunite a Family
May God protect Eliyaas and bring joy to his family.
ULFAADHAA!!




