SEENAA GABAABAA JAAL KABBADEE BUZUNESH (1908-19760)

J/ Kabbadaa B (1908-1976)

Jaal Kabadaa Buzunesh Gurraandhala 7, 1908 Oromiyaa giddu gala, Meettaa Roobii, araddaa Gorsaa keessatti dhalatan. Umuriin isaanii barnootaaf akka ga’eenis maatiin isaanii abbaa lafaa waan turaniif salphaatti barnoota argachuu danda’anii jiru. Jaal Kabbadaa Buzunesh bara jireenya isaanii keessatti beekumsaa fi dandeettii qabaniin sadarkaa hogganummaa garaa garaan keessatti gahee isaanii gumaachanii jiru. Kanneen keessaas ministeera humna ittisa biyyaa ta’uu sadarkaa olaanaatti waggoota afuriif tajaajilaniiru.

Haa ta’u maleeuu, sadarkaa olaanaatti muudamuun kun Jaal Kabbadaaf milkii hin turre. Jaal Kabbadaan, waan namni biraa akka laayyootti hin  agarre, argaa ooluun isaanii immoo daran waan biraaf isaan kakaase. biyya cunqursaan keessatti hundee godhate keessatti qabsoodhaan malee hundee dhibdee san jigsuun akka hin danda’amen akak hubatan isaan gargaare. Sababa kanaan, sadarkaa olaanaatti hojjachuun kun ibidda bara baraan laboobaa jiraatu isaan keessatti qabsiise; isaan irraayis dhalootaa dhalootatti darbuu isaa itti fufe.

Jaal Kabbadaan aangoo mootummaan kenneefitti dhimma bahanii ummata isaanii hin mine. Bara san keessatti waan ta’ee hin beekne, aangoo mootummaa argatanitti dhimma bahanii ummata isaanii barsiisuuf kaka’an. cunqursaa fi dhiibbaa uummata oromoo irratti ga’aa jirus ifaan ifatti loluufis  qabsaa’ota Oromoo akka isaanii barbaaduu eegalan. Akkanaanis ijoollee Oromoo faana gurmaa’anii qabsaa’uuf Ebila 23,1962 gara Maccaa fi Tuulamatti makaman. Erga WMT makamanii boodas hojiilee garaa garaa hojjachuu dhaan uummata keessatti dammaqiinsa guddaa uuman

Jaal Kabbadaa Buzunash, hojiilee boonsaa Waldaa Maccaa fi Tuulamaa keessatti dalagan keessaas mudde 14,1967 Dheeraa irratti osoo Loltuu dhaan hordofamanii uummata kumaatamatti lakkaa’amu fuulduratti ba’anii dhiibbaa uummata Oromoo irratti ga’aa jiru ifatti uummataaf ibsan.

Hojii boonsaa kana waan raawwataniifis, dhiibbaa guddaan irra ga’e; maatii isaanii irraa addaan ba’an. Akkasumas hoggantummaan isaanii ministeera ittisa biyyaa irratti qaban irraa aryataman. Yeroo dhiibbaan itti baayyachaa dhufus hiriyoota isaanii kanneen akka Jeneraal Taddesee Birruu,Jeneraal Daawwit Abdii,Dr Morgaa Firrisaa,Obbo Baqqalee Mokonnin,Obbo Dajanee Booji’aa,Obbo Daadhii Fayyisaa,Obbo Tasfaayee Digaagaa,Koloneel Maammoo Mazaamiir waliin mari’achuu dhaan bosona seenan.

Jaal kabbadaan yeroo hamtuu san keessatti waggoota ja’aaf qabsoo bosonaa erga taasisanii boodas Fulbaana 06,1976 diinaan marfamanii qabsoo guddaa taasisan. Qabsoo kana keessattis waraana 200 hin caalle qabatanii waraana kumaatamaan lakkaa’amu faana qabsoo olaanaa taasisan. Haata’uutii, humni isaanii human diinaatiin walgituu hin dandeneye. Haguma humni diinaa itti jabaachaa dhufe, humni isaanii daran xiqqaachaa dhufe. Kana booda hireen isaan qaban lama: harka kennachuu yookaan immoo otuu falmanii wareegamuu ta’e. Jaal Kabbadaan garuu, harka kennachuu hin filanne; harka laachuun uummata Oromoof salphina guddaa akka ta’e barsiisuuf jecha Fulbaana 18,1976 osoo harka diinaa hin seenin meeshaa qabatanii jiraniin lubbuu isaanii tokkitti uummata Oromoof aarsaa godhanii darban!

  1. seennaan kaabbada seenaa hin dagatamnedha,ammas namoonni akkasa kanneen biroon waan jiraniif itti dabaltanii osoo barreessitani namoonni waan baayee irraa baruu jedheen yaada. kanaaf kanneen biroos soqaa too bnuuf barreessa. baayee guddaa galatoomaa.

  2. Ani karaa mataa koo seenaa jal Kabbadaa naaf haaraa turee, amma garuu seenaa isaanii kana irraa dubbiseen waanan bareef gammachuu guddaatuu natti dhaga’ame. kanaafuu ammas akkuma kanaa gootonnii hedduun waan jiraniiif soqtanii akka uummatattii gadii baastaan abdii nan qaba. Galatoomaa!!! Tokkummaa(Hacaaluu Hundeessaa)

  3. Seenaa kana ani karaa gamaa kootii reefuun bare. Ummaatni oromoo baay’ee midhamaa turuu isaaniin hubadhe. Jaal Kabbaaddaan qabsoon isaan godhaan baay’ee garaa namaa raasa. Egaan Jaal Kabbaaddaan adaraa tokkoo nutti kennanii darban. Kanaaf yaa Ummataa Oromoo jabadha! harka wal haa qabannuu! diinaa lafa keenya irraa balleessaa! Seenaa dhokataanii jiran nuf barbaada! kaleessa akkam turree? har’as maal fakkaanna? Yaa ummataa Oromoo of bara har’a fi isa gara fulduuraaf!!!!!!!!! Warrii seenaa kana barreessitaan galatooma. Jaal kabbaadaaf immoo boqonnaa gaarii…haa ta’uufi. Hundii keessanuu naaf jiraadha!

  4. As more familiarity is gained, it will become second nature.

    This will reveal income, age, home ownership status and
    other criteria to further define your target market. The initial purchase of PLR articles
    is a smart investment.

  5. getinet takele

    ammallee seenaa gootota keenyaa nutti himaa warri beektaan, anaaf haaraa dha seenaan kun!!!

  6. Kabbadaa Bizuunashi, gooratti dachaasee hundumashi. Goota ija barbaaada seenaan ni yaadata.

  7. BAAYYEE GALATOOMAA SEENAA GOOTOTA BIROOLLEE AKKASUMA NUUN GA,UU HIN DAGATIINAA

  8. Waaqumaa Baqqalaa Nagasaa

    Edaa seenaan oromo akkuma bishaani yaa’ee hin dhumu jechudha barreesitoonni seena qabsa’ota keenya gurra nu busatan ammayyu waqayyoo beekumsa dhuma hin qabne siniif haa laatun jedha akka kootti seenaa Jaal Kabbadaa kana ani amman argee baayyee galatooma yoo issan du’aniyyu qabsoon isaan qabsiisa ittuma fufa malif yoo jettanis qabsaa’an yoo du’e qabsoon itti fufa jedha mitiree seenaa keessa tokko ammayyu seenaa qabsa’ota keenya kan biroofille dheebudhan isin eegganna horaa bula isinis nama seenaa ta’a warreen seena kana barreessitan hundu jabaadha dukkanni ni bariiti hadara jabadha oromonni hundi waliin tokkumman itti fufaa ijji keenyaa qabsoo gamattii otooma ilaaltu akka hin dabarree jalleewwan oromo koo jabadha hadara………………..

Leave a comment