SEENAA OROMOOTA SHAGGAR – FINFINNE

Taammanaa Bitimaatiin,

Seenaan Oromoo Gullallee akkuma seenaa Oromoota kaanii nama gaddisiisa, nama boochisa, haaridhaan ilkaan nama ciniinnachiisee, xiiqii garaa nama kaayee, booree baafachuuf, jechuun biyya ofii deebisanii harkatti galfachuuf nama kakkaasa. Kanaafuu, nama boochisas nama boonsisasi!

Raasaa kana (jidduu kana) namoonni keenya tokko tokko waayee dhuma kanaa irratti yaada ciccimaa fi barreeffama (material) kana irratti argatan nuu dabarsaniiti jiru. Keessumaayyuu barreeffamni karaa Dr. Makuraa Bulchaa argame gammachiisaa dha. Waraqata isaa kana otoo namoonni yeroo qaban gara afaan Oromootti hiikanii, akkuma inni jedhe karaa beektaniin warra biyyaatii ergamee hedduu gaarii dha. Har’a ijoolleen Oromoo kan miliyoonaan lakkaawamantu dheebuu barreeffatoota afaan keenyaan bayanii qabu. Amma ennaa warraaqaa jiran kana immoo kan akkanaa, kan namni oggaa warri Minilik biyya keenya gubu, nama keenya gorra’u, dachee barbadeessee loonillee gadoochuu wajjin deemee, argee barreesse kana argata! niitoo dubbisan baay’ee isaan gargaara.

Waan hundaafuu, akkuma obboleessi keenya kun jedhe, nuti “lamenting” guddifnee jirraa, mee kana dhiifnee karaa biyyaas karaa alaas warraaqnee, uummata keenya isa itti duulamaa jiru maddii ijaajjineetoo, haa sochoonu! Nuti hunduu akka kanaan duraatti qabsoo bilisummaa saba keenyaa adeemsisuu akka hin dandeenye, daran beekuu qabna. Addunyaa geeddaramte tana keessatti nutis geeddaramuu qabna. Akkuma Dr. Asaffaa Jaalataa sirriitti kaaye, “the politics of common sense”-n bilisummaa keenya gonfachuu hin dandeenyu. Dammaqiinsa sabaa, Oromummaa, kan ammaa caala gabbifnee, tokkummaa ijaarsota keenya isa bu’ureeffame (ULFO) sirriitti cimsineetoo, qabsoo sirriitti ijaaramee qindeeffame adeemsisuun dirqama. Dirqama kana tahu waan karaan biraa hin jirreefi. Hunduu akkanumatti harqoota koloneeffattootaa caccabsee of irraa ! darbate. Nutis harqoota kononeeffattoota Abas haa akkanumtti hurreessinee darbachuu qabna. Yoo akka kanaa olitti ibsame goone qofa, jara meeshaa waraanaa isa ammayyaa hidhatee nuttu duule, hammas ittuma fufee nutti duulaa jiru kana, kan of irraa faccisuu dandeenyu. Seenaan Shaggar-Finfinnee seenaa Oromoota isa marsanii jiran, keessumaayyuu seenaa Oromoo Gullallee wajjin walqabata. Oromoonni Shaggar marsanii jiran: Gullallee, Eekkaa, Galaan, Sulutaa fi Meettaa Aabbuu ti. Kana keessa Gullallee fi Eekkaan Shaggar keessas jiraatuyyu, jechuun akka biyya lammiin tokko irra jiruutti. Hammas isaan lafa irraa duguuganee fuxuun, koloneeffattoota keenyyaa hin taane, akka gurmee fi namtokkeettis Shaggar keessa ni jiraatu. Oromoon Gullallee akkamitti waraana Minilik dura akka dhaabatee, of irraa ittisee, boodas humna qawwee ibiddaatiin akka moyamee, boodas Shaggar keessaa akka itti buqqifame, kanaa gaditti gabaabinaan addeef! fama. Oromoon Shaggar-Finfinnee irraa buqqifamee hari’amuun (ethnic cleansing) kan jalqabamee har’aa mitii waggaa dhibba dura. Inni har’aa kun yoo roorriftuuwwan Abashaatii fiixan baye, isa lammaffaa taha. Ammas taanan kan jalqabame, erga warri Wayyaanee “raroo keessan xaxaddhaatii nurraa bayaa!”, warra OPDO-tiin jedhaniiyyii miti.

Oromoon keenya kan dubbiin hin galleef, “Shaggar keenya babaldhate” jedheetoo, warra Abashaa wajjin burraaqa. Ammoo inni dubbiin ganamumaan galeef, akka jagnicha Oromoo isa durii, akka Abbishee Garbaa quba ofii nyaataa jira. Akkuma Shaggar babaldhaachaa deemu qeyeen Oromoota naannoo kanaa buqqaa’aa deema. Dhuguma Londonis, Barliinis, Kaayiroonis, Waashingitan Diisiis … ganda qotee bulaa buqqiseeti babaldhate. Ammoo inni kun seeraan beekamee, namoonni buqqifamanis gaafatamanii, wanni hedduu kennameefiti.

Dabaleesoo, kan buqqa’us kan bakka is! a buqqa’ee qubatus uummatuma tokko. Keenya garuu, kan buqqa’u gan da Oromoo ti; kan dhufee achi qubatu warra Abashaa ti. Gandi Oromoo tokko oggaa buqqa’u, aadaa fi seenaa Oromootu wajjin buqqa’a. Silaa Shaggar dalgamalee, ol hin ijaaramu, manni dhoqqee Buraayyuu irraa kaasee Aqaaqii Basaqaa gayee jira. Kun immoo baatii baatiin Oromoo naannoo kanaa irratti raawwatamaa jira. Gullalleen fi Eekkaan buqqifama durattii irraa hafee, kunoo amma ijuma keenya duratti buqqifamaa jira. Kanas Oromoonni kun tole jedhanii hin fudhanne. Gara waggaa torbaatii kaasee ofi irraa faccisaati jiru. Ammoo kan isaan dhagawu, kan isanii birmatu, kan waayee kanaa illee addunyaa dhageessiseef hin jiru. Uummanni kun waldaa gandaatiin ijaaramee, yaa’ii ofii irratti murtii dabarsee, mana marii Shaggar dura dhaabatee jira. Garuu, manni marii Shaggar kunis foolisii itti duulchisee isaan buqqiseeti jira. Kuni Oromoota Naannoo Buraayyuu (Gullallee), naannoo Garjii (Eekkaa), naannoo Boolee fi Laaftoo (Gullallee! ) fa irratti raawwatamee jira. Ammallee ittima fufeetoo jira.

Kun cufti yommuu tahu, warri OPDO isaan hin gargaarre. Ilaa gandeen kun kan turan gariin hammas kan jiran “Bulchiinsa Shaggar” jala otoo hin tayin, Oromiyaa jala. Oromiyaan warra OPDO immoo, Oromiyaa uummata ofiitii dhaabattu otoo hin taane, Oromiyaa kophee koloneeffattootaa fi maxxantoota isaanii jala jirtuu ti.

Warri Amaaraa Shaggar yeroo duraa karaa mara hammaa kiilomeetira 50-tti babaldhisuuf, kan karoora baafatan jabana Darguu ti. Karaa hundaa kiilomeetira 50 jechuun: karaa Salaalee magaalaa Caancoo fi Sulultaa dabree hamma laga Dubar-itti, karaa Amboo hamma Ijeree (“Addis Alam”)-tti, karaa Walisoo hamma Tajiitti, karaa Sooddooo hamma Malkaa Qunxureetti, karaa Adaamaa hamma Bishooftuutti, karaa Abbichuu hamma Bakeetti. Kuni sagantaa isanii isa duraati malee, booda babaldhisani! i “mootummaa naannoo Addis Ababa” jedhaniitoo, Shaggar-Finfinnee& nbsp;biyya Amaaraa isa Manjee (Manz) wajjin walqabsiisuufi. Ammaa egaa, oftuultonni Amaaraa isa bara Darguu galmee keessaa baasanii Wayyaaneetti kennaa jiru. Mallasis warra Amaaraa ofitti harkisuuf, dabalees fedhii warra isaatii eeguuf, kana haaromsee itti ka’e. Mee gama biraatti otoo hin ceyin, kan kanaan dura basee tokko keessaan kanaa gaditti waa isiin dhiyeessa. Kanan ammaaf isiinii dhiyeessu, walaloota uummata Oromoo kanan naannoo Tuulamaa fi Maccaa (“Shawaa”) irraa walitti qabee, boodas san keessaa waan tokko tokko baase keessaan lamaan isaanii duwwaa isiniif dhiiyeessa. Kunis (“On Some Oromo Historical Poems; Tamene Bitima, in: PAIDEUMA 29, 1983, pp. 317-325” keessaa yoo tahu, inni Dr. Makuraa dhan dhiyaate jechuun, “No more Standing on Entotto” jedhumu kanuma keessaa fuudhame. Barreeffanni (article) kun ke! essaa fuudhame, kitaaba biraa keessatti bawuuf mana maxxansaa jiraatii, waan booda argattaniif mee xiqqoo naa obsaa.

Ammoo akkuman kanaa olitti jedhe, wanni kun yoo afaan Oromootinis baye, ijoolleen Oromoo biyya jiran waan dhimma ittiin bawuu dandayaniif, afaanota lachanuu mee kunoo: a) Inxooxxoo dhaabatanii caffee gallaaluun hafe Finfinnee loon geessanii hora obaasuun hafe. Tulluu Daalattiirratti yaa’iin Gullallee hafe.

Gafarsatti dabranii
qoraan cabsuunis hafe.
Hurufa Boobiirratti
jabbilee yaasuun hafe.
Bara jarri dhufanii loon teenyas indhumanii.
Idda Mashashaan dhufee birmadummaanis hafe.

No more standing on Intotto, to look down at the pasture below,
No more taking cattle to Finfinnee, to water at the mineral spring.
No more gathering on Tulluu Daalattii, where the Gullallee assembly used to meet.
No more going beyond Gafarsa, to chop firewood.
No more taking calves, to the meadow of Hurufa Boombii.
The year the enemy came, our cattle were consumed.
Since Mashasha came, freedom has vanished.

Walaloon sun kana yoo tahu, miiljaleewwan (footnotes) hedduu of jalaa qaba. Isaan keessayyis isaan haala ammatii nu gargaaran mee haa ilaallu. Kanas akkuma oggaa san afaan Ingiliziitiin barreeffamettan isiinii dhiyeessa. Afaan Oromootiin immoo waa isinii dabaluun kiyya hin oolle.
1) Tulluu Daalattii is a hill in Finfinnee, where later Menilek’s “Talaqu-Betamengist”(— mana mootummaa isa amma Mallas keessa jiraatu, isa Araat Kiiloo jechuu dha) was built. The hill was a place where the general assembly of Gullallee took place within the “gadaa” system. !
2) Hurufa Boombii was a meadow (the later “jan-med”) w hich the Gullallee people used as a grazing area for their cattle. Boombbii = beetle. Waan boombiin dhoqqee loonii barbaachaaf, achitti baay’attuuf, hurufa boombii jedhaniini.
3) Jarri meens those people, but in this verse it means the nafxanyaas, i.e. Menilek’s generals and soldiers who occupied the Oromo, Sidaama, Guraagee, Hadiyyaa, Walaayitaa etc. territories in the last quarter of the 19th century.
4) Dajjac Mashasha Seifu was Menilek’s general (his brother’s son). He led the first expedition against the small Oromo state (Muslem in faith) of Darraa, between Abbay (the Blue Nile) and the kingdom of Shawa in 1875, but was defeated by the Darraa army led by Hasanu Waday. Later, Darraa was defeated by another expedition. Mashasha suppressed the Gullallee uprising of 1878. Ka’iisa Gullallee kan illee boodan isinii ibisa. Goota gaggabaa kan jedha! mu Hasanuu Waday, Abbaa Kuraaraa jedhameetoo, maqaa farda isaatiin beekama. Erga warraanni Minilik isa moye, “harka koo diinatti hin kennu, farda koo diinni hin yaabbatu” jedhee farda isa ajjeesee, ofis ajjeesee, seenaa Oromoo kan gara isaatiin jiru dhiigaan ofiitiin barreessee dabre.

b) Cufaakoo cufaakoo
cufaa jalan bulaa.
Yaa leenca Gullallee
dur sumayyuu abdannee.
Tufaakoo Tufaakoo
Tufaa yaalmaa Munaa.
My barricade, my barricade
I live under your protection.
The shield of Gullallee,
the sustainer of our hope.
My barricade, my barricade,
Tufaa, the son of Munaa.

1) Tufaa Munaa was the leader of Gullallee who fo! ught against Menilek. Tufaa Munaa baay’ee b eekamaa dha. Har’ayyuu maqaan isaa kaafemee ittiin dhiichifama, ittiin geerrarama. Gafarsi bakki Shaggar bishaan boombaa irraa argatu har’as uummata keenyaan Gafarsa Tufaa Munaa jedhameeti beekama.

Barruu armaan olii kana keessatti waayee Oromoota naannoo Shaggar-Finfinnee turanii fi ammas jiraniin kaase. Daangaa dira Shaggar irraa fi gariin isaan Shaggar keessas kan jiran: Gullallee, Eekkaa, Meettaa Aabbuu fi Sululta. Xiqqoo irraa hiiqanii immoo Meettaa Hoolotaa, Meettaa Roobii, Bachoo fi Galaani. Warri kun hunduu! ilmaan Oromoo Tuulamaa ti. Ilmaan Tuulamaa warri hafani immoo: Jirruu , Abbichuu, Jidda, Darraa, Jaarso, Yaayyaa, Oborraa, Muloo, Ada’a Liiban, Ada’a Waayyuu, Ada’a Bargaa, Gombichuu, Sooddo fa’i. Salaale maqaa biyyaa ti malee, maqaa gosaa miti warri jedhan jiru. Ta’us Salaale farfamticha keessa Oborraa, Yaayyaa fi Jaarso faatu jira. Oromoon “ilmaan Tuulama ti”. “ilmaan Maccaa ti” oggaa jedhu, ilmaan ilmaan Tuulamaa, ilmaan ilmaan Maccaas walitti qabeeti. Isa irraa maddan jechuu dha malee, abbaa qofaa miti.

Tuulama keessa hangafni Galaani. Tuulamni caffee Tuulma guutuu, Odaa Nabee qaba. Odaa Nabee Shaggar-Finfinnee irraa gara bahaatti kiilomeetira 40 irratti argama. Naannoo lafa eebbaa naannoo magaalaa Bishooftuu, magaalattii Duukam irraa gara fuula Bachootti xiqqoo hiiqee jira. Akka durii seera tumameen biyya hin bulchu malee, ammas abbaan bokkuu ni jira.

Uummata Oromoo isa naannoo Tuulamaa fi Maccaa kanatti warri Abashaa kan duuluu jalqaban bara akaakayyuu Minilik bara mooticha Saahila Sillaasee (1813-1847) dura. Ammoo kan meeshaa waraanaa isa ammayyaa Biyya Faranjii, Oroppaa, irraa argate isa ture. Amaarri naannoo Manjee (Manz) farda Oromoo dura dhaabachuu daddhabee lafa fardi Oromoo fi eeboon Oromoo hin qaqqabne, lafa gaara gubbaa kan hallayyaan marfamee jirutti baqatee, bara dheeraa achi ture. Biyya obbolaa isaatii Goojjam, Gondorii fi Amaaraa-Saayinti naannoo Manjee wajjin daangaa hin qabu ture. Ammas hin qabu. Jidduu naannoo Manjee fi Biyya Amaaraa isa kaanii Oromoota Darraa fi Boorana Wallootu jira.

Biyyi hallayyaa kun, Manjeen tokkummaa hin qabu ture. Booda baalabbaanni isaanii tokko tokko wal isaan taasuuf yaalani. Boodas abbaan Saahila Sillaasee tokko isaan godhee yeroo duraaf mootii ofiin jedhee Oromootti duuluu jalqabe.! Ta’us Oromoo mowuu hin dandeenye. Jabana Saahila Sillaasee imaltoonni fi misiyoononni Faranjii naannoo Manjee, Shawaa seenu jalqabani. Innis meeshaa waraanaa isaan irraa argateen Oromootti duuluu isa abbaan isaa jalqabee, daddhabe itti fufe. Ammaa egaa jarri Manjee qawwee argannaan “jagnoomanii”, Tuulamaa bira dabraniyyuu Oromoo Karrayyuu, Oromoo Arsii, uummata Guraagee, fi Oromoo Maccaa naannoo Jalduu faatti duuluu egalani. Yommuu Gondor dhaqan Oromoo Darraa fi Boorana Wallootii gabbara biyya keessa dabruu kan dur baasan, amma didani. Faranjonni Ankoobar, ganda teessoo Saahila Sillaasee irraa gara Gondor ennaa deeman, abbaa biyyaa Boorana Walloo, Adaraa Billee-tii akka horii kellaa baasanii dabraniiyyu kitaabameetoo jira.

Egaa, akka mangoddoon Oromoo himanitti Amaarri Manjee inni duratti “gooroo koranii yaa Abbichuu! Yaa Abbichuu!”, yoo jedhan wareeree qaalaatti oldacha! ‘u”, qawwee Faranjii argannaan jabaatee Oromootti duuluu itti fufe. Tahus Oromoon yoom isaanii bosoqqee tahe, akka dhagaa itti jabaate malee! Keessumaayyuu Darraa, Salaale, Abbichuu fi Galaan bara dheeraa Amaara Manjee of irraa ittisaa turani. Akka Oromoon jedhu, “ulee cabe furatu keessa seenaa”, ta’eeti malee otoo isaanis akka durii, Oromoon biraas akka durii tokkummaa ofii eeganii, jarri qawwee argatus akkana taya hin ture. Naannoo Tuulamaa fi Maccaatti keessumaa Jidda, Abbichuu, Jirruu fi Galaanitti “Galaan oggaa torba Abbichuu moye. Abbichuunimmoo oggaa kudha torba Sidaama moye” jedhama. Isaan ulee cabe, jechuun Oromoo gosa gosaan wali-hire argatanii itti duulalni, mowuullee jalqabani. Goobana Daaccee gosa ofiitiin waldhabe argatanii, dursanii Abbichuu akkasitti isaan ollachiisaa turetti duulanii humna qawweetiin qabatani.

Amma gara isa kaanefiitti, gara Shaggar-Finfinneetti haa deebinu. Dur Shagg! ar jedhamee kan beekamuuyyu, naannoo gaara Hococaa (kan Shaggar karaa lixaatiin daangessu) fi gaara Erer, gooroo Sulultaa (Inxooxxoo irraa kaasee kan hamma Marfataatti jiru) fi tulluu Furii jidduu jiru. Finfinneen immoo Shaggar keessaa naannoo xiqqoo Horri Finfinnee jiru. Naannoo amma “Filwuha”, “Masqal Addababay”, “Biherawi”, fi Istaadiyooma jedhamu. Shaggar guutuu kan ture Oromoo Gullallee ti. Ammoo Gullalleen karaa tokko tokko keessumaa karaa fuula Amboo, Koloboo (“Mannaaggashaa”) dabree gadii hiiqee, Bacho Badiittiin walqabata. Dabalees karaa fuula Walloo Oromoo Eekkaatu ture (jirasi). Laga Qabbanaa (isa embaasiin Biritaaniyaa fi Rusiyaa bira jiru) irraa jalqabee bakka har’a Amaarri “Yekka” jedhuu fi Kotobee, Garjii gara kaabaa dabree, Kaarra Halloo qaari’ee Sandaa fi Laga Daadhii-tiin ceyee hamma magaalaa Bakkeetti jira. Dabalees Gullalleetti karaa bahaa fi kibbaa kan aanu Galaani; karaa kaabaa Sululta; karaa lixaa Meettaa Aaabbuu fi Bachoo Badii ti. !

Gosni Oromoo kun cufti jechuun: Meettaan, Sululti, Eekkaan, Galaan fi Gullalleen loon isaa hora Finfinnee obaafata.Yoo xiqqaate waggaatti yeroo tokko, yookaan immoo yeroo lama, Birraa fi Harfaasaa loon isaa hora geeffata. Abbaan horaa nama yaa’iin Gullallee file, lammii Gullallee ti. Abbaan horaa akka namni dabaree isaa eeggatee obaafatu godha. Saanis, namnis walitti hin bu’u jechuu dha. Kana kan taasisu immoo seera gadaa ti.

Bishaan lafa keessaa burqu kun kan namaa fi kan sa’aa jedhameeti, bakka lamatti qoodama. Kan horiin dhugu hora. Kunis akaakuu hedduutti qoodama: caancoo, boolee, boojjii faa. Kan namni dhugu immoo amboo jedhama. Kan namni dhiqatu garuu, finfina jedhama. Jechayyaan finfinnee jedhamu isa kana irraayyi baye. Ammoo finfinneen finfina (“xabala”) namni dhiqatu callaa otoo hin taane, finfina laf a keessaa burqee ol utaalu. Isa afaan Xaaliyaanitiin fontana, afaan Ingiliziitiin fountain jedhamutti dhiyaata. Hiikkoon isaa inni guutuun: a) a fountain of hot mineral water b) a place which has several springs.

Horri fi finfinni Shaggar kan naannoo biraa caala namaa fi horiif qoricha jedhamaayyu. Finfinni kun dhiqannaan dhibeef qoricha. Dhugnaan immoo dhibee garaa keessaa baasa. Har’a illee finfina Shaggar, kan Soodaree fi kan Walisoo yoo dhiqatan akka nama dhadhaa dibateetti nama cululuqsa jedhma.

Naannoon Shaggar lafti isaa jidhaa dha. Shaggar irraa kaasee hamma Bishooftuutti gaarran dheddheeroo akka Hococa, Erer, Furii, Daalota, Cuqqaalaa faatu jira. Kana malees tulluuwwan baay’een asisi, achis faffacaynii argamu. Naannoo kun malkaawwanii fi laggeenis danuu qaba. Araddaa irreechaa baay’eetu ture. Gariin har’! as ni jiru. Shaggar “lafa horaa, lafa tolaa” jedhamaayyu. Lafa tolaa jechuun lafa gaarran isaa koranii, laggeen isa bu’anii, malkaawwan isaa dhaqanii yoo Waaqa guddicha, “gurraacha garaa gurraachaa, tokkicha maqaa dhibbaa” kadhatan namaaf dhagayama jedhama. Dabaleesoo galmoota eebbaa hedduutu naannoo kanatti argamaayyu. Kana keessa kan har’umaa jiru, galmi Haadha Abbayyii asuma gaara Hococaa jala, magaalaa Daalattii (“Alam Gana”) har’aa irraa xiqqoo siqee argama.

Erga koloneeffattoonni Abashaa biyya keenya qabatanii immoo bakka dur ayyaanni Oromoo itti kabajamu, taabota isaanitu dhaabate. Bakka ayyaana keenyaa, bakka aadaa keenyaa, bakka seera keenyaa, bakka afaan keenyaa kan isaanitu bu’e jechuu dha. Ginni bittuu Abashaa kun kan dur abbootii isaanii jalaa milqee hafetti, amma ka’aa jiru. Akka uummanni keenya jedhutti jarri “safuu Waaqaa” hin beekne kun karaa hund! aa saba keenyatti duulaa jiru.

Sagantaan isaan saba keenyaaf qaban isa har’a Shaggar-Finfinneetti aggaamame duwwaa miti. biyya teenya, Oromiyaa cicciratanii fudhatanii, kaanis cicciranii abbaa fe’aniif kennaati jiru. Magaalaawwan Oromiyaa isaan gurguddoo kan akka Jimmaa, Asallaa, Gobbaa, Adaamaa, Bishooftuu, Mattuu, Shashamannee faa akka Dirree Dhawaa teenyaa gochuufi. Kuni kan dhaabatu qabsoo saba keenyaa kan sirriitti ijaaramee, sirriittis qindaawe duwwaani.

Kanan amma isiniif dhiyeessu immoo, qabsoo diddaa uummata Oromoo isa kan Gullallee keessaa hamma tokko duwwaa dha. Uummanni Oromoo erga harqoota koloneeffattoota Abashaa jala seenee, yoo sadarkaa biyyaatti walqabachuu baatellee, kan dammaqiins! i fi humni isaa isaaf hayyaame deemseeti jira. Ammoo akkaan garri caalu hin barreeffamne. Innin har’a isinii dhiyeessu kun yoo gabaabaa ta’eyyuu, irraayyi waa baranna jedheetani.

KA’IISA OROMO GULLALLEE ISA BARA 1878

Oromoon Gullallee bara dheeraa waraanaa mootummaa Abashaa of irraa faccisaa ture. Isa xixxiqaa yoo dhiifne yeroo lama, waraana isatti duule of irraa deebisee jira. Ammoo dubbiin meeshaa waraanaa isa ammayyaa irratti kan hundaaye, waan tayeef, waraana isa sadaffaa irratti moyame.

Sana dura Goobana Daccee Minilik wajjin dhaabatee, erga Oromoo Abbichuu, Jirruu fi Galaan faa cabse, Oromoota Tuulamaa fi Maccaatti jaarsa ergee, akka Minilik dura hin! dhaabanne gochuuf yaale. Kan inni jedhus: nuti fi warri Sidaamaa bara dheeraa wallollee, wal-madeessinee jirra. Isaan amma qawwee argatanii nuti garuu, homaa of harkaa hin qabnu. Nutumtuu gosa gosaan wallolaa jirra. Kanaa mannaa koottaa nuti tokkummaa Oromoo dhaabaneeti, isaan wajjinis nagaan fi walqixxummaan jiraannaa! Ammoo durreewwan Oromoo baay’een tokkummaa Oromoo inni kaase, yoo jaalatan illee isa Amaara wajjin taana jedhu hin jaalanne. Isas amanuu hin dandeenye. Booda Oromoonni “yoo tokkummaa Oromoo feete kophaa kee koottu! Diina harkiftee nutti hin dhufini. Yoo isaan wajjin dhuftee, isaan jala nu galchuu barbaadde, nuti si dura dhaabanna.”, jedhaniini. Innis gorsa isaanii hin dhageenye; isaanis dhaamsa isaa hin fudhanne. Warri Minilik in dhufu, Oromoon immoo of irraa deebisa. Kuni waggaa baay’ee fudhate. Minilik inni Oromoo Abbichuu bara 1868 keessa qabate, Oromiyaa guutuu qabachuuf waggaa 31 irraa fudhate. Kunis inni dhumaa Oromoo Booranaa isa bara 1899 qabatame.

Waraanni Minilik inni yeroo lama Oromoo Gullalleetin moyame, isa sadaffaa irratti akkaan hidhatee itti dhufe. Gullalleen waraanaa dhufaa jiru dhageyee, yaa’ii waame. Yaa’iin kun waltajjii Shaggar bakka yaa’iin isaanii durattumaa itti tahu, Tulluu Daalattii irratti. Bakki kun iddoo booda Minilik masaraa itti ijaarratee, “masaraa guddicha” jedhen, bakka amma Mallas Zenaa jiraatu. Yaa’iin seena-qabeessi kun guyyaa guutuu walmariyachaa oolee, booda sagalee tokkoon waraarana Minilik dura dhaabachuuf murtee dabarse. Murtee yaa’ii kanaa E. Cerulli: The folk-Literature of the Galla of Southern Abssinia: Cambridge, 1922, keessatti barreeffamee jira.

Oromoon Gullallee yaa’ii kana irratti:

Koottu Dhufe
Akka ati dhuftee toltuun biyyattaa dhufu
Nagaan warrattaa dhudhu
—-
Tume seera
Muree seeera
Seerri seera Gullalleeti
Seerri seera Tuulamaati
Seerri seera abbootii Oromooti

Luugama fardarraan baasin
Meendhacha harkarraan baasin

Jedhee kutannoo cimtuudhan waraana warra Abashaa isa meeshaa Oroppaa hidhatee, warra Oroppaatinis leenjifame dura dhaabate. Boodas akka uummanni keenya jedutti “qawwee ibiddaatin” gubatee, mo’muu danadaye.Yeroon kun bara 1875 keessa.

Loltuu Minilik Oromoon Gullallee akka mana manaan hiratee, sooru abboomame. Lultuun kun mindaa hin qabuu, mindaan isaa qutee bulaa Oromoo taye. Gaangota isaatii okaa kan haamu, miila isaa kan dhiqu ijoollee fi dub! artii Oromoo ti. Dabalees daakee, tolchee kan isaan sooru dubartii Oromoo ti. Kana keessaa warra “dabaloo”n isaanii dhume illee kan itti uffisu Oromoo dha. Jarri qawwee warra Faranjii irraa maqaa kiristaanatiin kennameef malee, biyya Amaaratii wanni qabatanii dhufan hin turre.

Oromoota Gullallee humna qawweetiin jilbeeffachiisan waan amanuu hin dandeenyeef, guyyaa guyyaa qawwee gateettii ofiitti rarraafatanii oolu. Halkan halkan immoo of bira kaayaniiti rafu. Yoo allaattiin bar jettellee waan Oromoon utaalee isaan qabatu itti fakkaata. Haalli kun gara waggaa lama fudhate.

Wiirtuu Shaggar keessaa garri amma “Filwuha”, “Biherawi”, “Masqal Addababy”, Istadiyooma, Dhaaba Sangaa faa jedhamu yeroo gannaa ni dhoqqaawa. Kanaafuu, warri Gullallee ganna ganna gara naannoo baddaatti darabaa galu. Waxabajjii deemanii gara dhuma Fulba! anaa darabaa dhaa deebi’u. Darabaa jechuun immoo yeroof ganna horii ho offatanii bakka biraatti galuu dha. Mala kana har’umaa illee Oromoonni baay’een, fakkeenyaaf Oromoon Bachoo faa dhimma ittiin bayaa jiru.

Ganna oggaa abbootiin warraa kan Oromoota Gullallee darabaa dhaqan, loltuun Amaaraa dubartoota isaanii dirqisiisnii wajjin ciisu. Dubartoonnis otuma garaan isaanii gubatuu, silaawoo qawween isaan doorsisuu wajjin rafu. “Wajjin ciifnu diina, dinnu du’a” jettee dubartiin Gullallee bara durii jedhama. Kana dubartiin walitti himtee, ganda gandaan akkuma walbeektutti waliin mariyatte. Yoo abbootii warraa isaanitti himan, dhiironni haaranii Amaara qawwee boraafatee ciisuun wallolanii, galaafatamu jedhneeti sodaatani. Booda itti himnaa irratti walii galaniitoo, haarii dhan itti himani. “Abbaa warraa lama qabna moo?”, jedhanii warra dhiiraa booree garaa kaayani.

Silaa yaa’iin dhoowwamee jiraa, dhiironni gurmuu gurmuun wa! lgayanii mariyachuun qabsoo haddhooftuu gochuuf, walii galani. Dubbiin turte: nutoo meeshaa waraanaa hin qabnuu, akkamitti diina qawweetti rasaasa naqatee, nu jidduu taa’uun qabsaawuu dandeenyaa ti. Mariyatanii mala tokko irra gayani. Kunis guyyaa murame tokkotti, halkan dukkanaayee oggaa waarii jala gaye, warri manneen isaanii tulluu fi koobii bira jiru, daamotii (ibsaa) qabsiisanii gadi bawuu dha. Ennaa kana Oromoon Gullallee mana manaa gadi bayee, “uu uu qabi, dhayi! Uu uu qabi, dhayi! —“, jedhee iyyuu dha. Warri akkana godhus dukkanaa fi muka dayeeffachuu qaba. Gullalleen akkuma waliigaletti sagantaa isaa hojii irra ooleche. Yoona loltuun Amaaraa wareeree, utaalee, kaan ofumaan Oromoo se’ee, walitti dhukaasuun walgalaafate. Kaan immoo shootalaa fi bakara Gullallee isa dukkana gaachana godhatee haleelutti dirmee, kaan hallayyaatti nam’ee dhume. Loltuu xiqq! ootu kana irraa hafee, oduuf Ankoobar, Minilik bira gaye.

Minilik gara ji’a sagalii itti qopphaayee, waraana cimaa ilma obboleessa isaatiin, Dajjaach Mashashaa Seefuu-tiin durfame, Oromoo Gullalleetti, bara 1878 keessa duulchise. Oromoon Gullallees qopphaayee, akka nama tokkoo tayee dura gore. Karaa onnee Oromoon yoo caale malee, Amaaraa gadii miti. Karaa qopphiis sirriitti of ijaaree jira. Ammoo Oromoon meeshaa waraanaa: eeboo, shootala, wantaa, furrisa, ablee, billaa faa malee, kan ammayyaa waa tokkollee hin qabu. Warri Amaaraa akkuma Oromoo ofii lilmoo faa malee hin tolchine. Garuu, Oromoon “nu warra kiristaanaa fixuufi” jedhee, warra Faranjii irraa meehsaa jabanaa guurratee, ogeessa waraana Faranjitiinis leenjifamee jira. Oromoon Gullallee akkuma Oromoo Arsii, Oromoo Harargee faa biyya ofii fi bilisummaa ofiitii ka’ee, diina itti dhufe dura dhaabate. Dacheen Gullallee, Shaggar gubattee guyyaa guutuu lolanii, Oromoon akka okaatti hamamee, kan hafe harka kenne.

San booda Minilik kun isa hanqatee, ammas haloo bawuuf, Oromoo Gullallee jiddugaleessa Shaggar keessa jiraatu, isaantu kana sade jedhee, kan dhumaatii irraa hafe buqqise. Gullalleen wiirtuu Shaggar, naannoo Hora Finfinnee faa jiru, mana manaan faffaca’ee, gara obbolaa isaa gara naannoo Oromoota birootti baqate. Kaan Meettaa, Sooddo, Bacho, Ada’a Bargaa, Waliso, Kuttaaye faatti baqatee, boodas isaanin moggaafamee hafe.

Waggaa kudhan booda (1887-1888) oggaa Minilik Inxooxxoo irraa gadi bu’ee, Shaggar magaalmataa impaayara isaa taasifatu, Oromoon Gullallee inni naannoo amma “Arat-Kilo”, “Siddis-Kilo”, “Lidata”, Markaatoo, Kasaanchis, Piyaassaa (Birbirsa) faa jiru, buqqifamee waraana Minilikiin oofamee, Arsii naannoo Asallaa qubachiifame.

Warri kana irraa hafes, akkuma Shaggar! babaldhachaa deemu, innis buqqifamaa deeme. Tahus Oromoo Gullall ee lafa irraa duguuganii fixuun daddhabamee, har’as Shaggar keessa fi naannoo isaas numa jira. Kan biraa hafee, ijuma keenya duratti: Boolee, Garjii, Bulbula, Laaftoo, Makkannisa, Kaarra Qoree, Buraayyuu, Askoo, Shoogalee, Qaallittii faa irraa qeyeen isaa buqqa’ee jirra. Oromoon Gullallee hamileen isaa cimaa waan tayeef, har’uma illee akkuma Oromoota Warjii faa Shaggar keessatti aadaa fi afaan isaa gadi hin dhiifne. Walaloo dhan, sirba dhiichisaatiin, kan geerrarsaatiin, kan naannetiin — roorroo isa irratti hojjatamee fi ammas hojjatamaa jiru ibsata. Mee kana keessaa lamaan isaanii callaan isinii dhiyeessa:

a) Booleen dur qamadii magarsaa
Amma roopphalaat irra marsaa!
Irra marsee, irra marsee gadi bu’ee
Saani abbaa qabu du’ee!

Dur caffee Boolee fardatu keessaa imimsa. Hurufa isaa kormatu keessaa bookkisa. Obruu isaa garbuu fi qamadiitu keessaa lalisa. Booda Gullalleen buqqifamee, dirreen balali’aa (xayyaaraa) ijaarame. Gullalleen kun garaa isaa gubeeti kan kana sirbu. “Saani abbaa qabu du’ee” kan jedhu, horiin waan dheedan dhabanii dhumuu isaanii hubachiisa. Biyyi abbaa qabu fudhatame, jechuus ni taha.

b) Boolee yaa bishaan Boolee
Roopphilaan harra dirree oolee
Boru Jimmaan gaddabraa
Barri hamaan kun in dabraa
Gattaa’ii, gattaa’itii dhayi sarbaa!

Gullallees tayee, Oromoon naannoo Tuulamaa fi Maccaa, akkuma Oromoota naannolee biroo, erga “nafxanyaan biyya dhufe, bara hamaatu dhufe” jedheetu amana. Barri hamaan kanaa olitti walaloo warra Gullallee keessatti ka’e kunis, bara hamaa, bara roorroo, uummata keenyatti koloneeffattoonni Abashaa fidani jechuu dha.

XUMURTOO

Kanaa olitti ka’iifni Oromoo Gullallee fi diddaan qabsoo isaanii, gabaabin isinii dhiyeeffamee jira. Malaa fi tooftaa isaan diina isaaniitti ka’aniinis agarreetoo jirra. Uummata kutatee ka’e wanni isa duubatti deebisu hin jiru. Qabsoo diddaa kana keessatti qoonni dubartoonni Oromoo Gullallee qaban daran nama gammachiisa. Kan nama boonsisusi. Har’as dubartoonni keenya didha (booree) garaa nu kaayanii, nu kakaasuu qabu. Siiqqee ofii qabatanii oggaa isaan ka’anii, biyya kaasan dhiyaachaa jira.

Roorriftoonni Abashaa uummata keenya ba’aa inni baatee deemuu hin dandenye, itti fe’aa jiru. Dachee teenya Shaggar-Finfinnee, handhuura biyya keenyaa irraayyi duguuganii nu haxaawuuf deemaa jiru. Shaggar – Finfinnee, nuuf asxaa biyyummaa keenyaa ti. Wiirtii aadaa fi taliiga keenyaa ti. Ayaa abbootii fi haadhotii Oromoo ti. Akka uummata Falastiinaa biyya keenya irraa nu buqqisaa jiru. Akka saba Falastiinaatti akka lollu nu gochaas jiru. “Ka’aa! Oromoo maal taatanii teessu!”, nuun jechaati jiru. Kana kan nuun jedhu sagalee isaanii otoo hin taane, gocha isaanii ti.

Nuti daangaa nama hin dabarre. Haqa namaa tokkollee hin tuqne. Tokkollee hin tuqnusi. Oromiyaa boruu, ishii bilisoomte keessatti immoo haqni fi mirgi ilmoo namaa guutuutti akka eegamu, agoobarri ijaarsota keenyaa, ULFO sirriitti kaaye jira. Nuti caalatti ijaaramnee, kan ijaaramnes ija arsota keenya caalatti cimsinee, achumaanis tokko goone, tokkummaa ijaarsota keenyaa fi kan saba keenyaa akka utubaa sibiilaatti jabeessinee, ibidda qabsoo isa qabsiifame kana akka sirriitti boba’u gochuu dha. Kana gaafa goone, eenyuyyuu qabsoo bilisummaa saba keenyaa dura dhaabachuu hin dandayu.

09.12.2003
Taammanaa Bitimaa
Barliin irraa