Miidhaan dhagna qabaa dubaraa maali?

Miidhaan dhagna qabaa dubaraa maali?Dhaqna qabaan mucaa dubaraa irratti raawwatu hundinuu miidhaa malee bu’aa tokko illee hin qabu; seenaan ka’umsa dhaqna qabaa dubaraa kana irratti himamaa jirus kan afoolaan daddarbaa jiru malee kan qabatamaan beekamuu miti.

Gariin dubartii amaleessuuf akka raawwatamutti hubatu. Garuu, qaama saalaa muruun dhala namaatti amala hin horu; amalli akkaataa itti amaleeffamu, aadaa fi sirna mataa isaa danda’e qaba.

Dhaabbatni Fayyaa Addunyaas (WHO) kanuma sababeeffachuun, dhaqna qabaa dubaraa garee 4 (afur)tti qoodee lafa kaa’un balaaleffata.

Miidhaa akkuma dhaqna qabaan sun raawwateen dhufuu danda’an:-
1. Dhukkubii fi dhiiguu garmalee,
2. Gadi bu’uu dhiibbaa dhiigaa (shock),
3. Fincaan fincaa’uu dadhabuu,
4. Dhibee wantoota ijaan hin mul’anneen dhufan (infections),
5. Daddarbuu dhibee HIV/AIDS fi ‘Heepaatayitis’ B fi C jedhaman,
6. Miidhama nafaa naannoo qaama saalaa jiran,
7. Lubbuun darbuu (du’a)…. Du’i kan dhufuu danda’u, garmalee gadi bu’uu dhiibbaa dhiigaa kan garmalee dhiiguu yookin dhukkubbii garmalee; akkasumas ‘infeekshinii’ irraa kan dhufuu danda’uuni.

Miidhamni yeroo dheeraa booda dhufuu danda’anis:-
1. Dhukubbii yeroo dheeraa,
2. Madaa’uu qaama saalaa,
3. ‘Infeekshinii’ fi malaa godhachuu,
4. Godaannisa qaama saalaa irrattii hafu,
5. Kaka’umsii fi fedhiin wal-quunnamtii saalaa hir’achuu fi
6. Rakkina sammuu; dhiphina irraan dhufuu fi kkf dha.

Yoo godaannisni uumamee guddaa ta’e immoo:-
1. Rakkoo marsaan laguu yeroo isaa eeguu dhabuu,
2. Dhukkubbii gaafa wal-quunnamtii saalaa godhan,
3. Daa’ima godhachuu dhabuu(Infertility)
4. Yeroo daa’imni dhalachuuf jedhu illee, godaannisni uumamee ture sun tarsa’uun rakkoo guddaa fiduu nii danda’a.

Akkamittiin dhaqna qabaa dubaraa ittisna?

Miidhaa fayyaarratti fiduun ala seeraan illee dhoorkaa yoota’u , mirga dhala namaas cabsuudha.

Kanaafuu; Waliin haadirmannu!

Advertisements