Seenaa Gababaa Artiist Guutuu Lammii (1970-2020)

Artiist Guutuu Lammii, abbaa isaa obbo Lammii Bajjii fi haadha isaa addee Sorsee Bashaa irraa, Guraandhala 8 bara 1970 magaalaa Finfinnee naannoo Dhakaa Haraaraa jedhamee beekamutti dhalate.

Artiist Guutuu Lammii abbaa fi haadha isaatiif ilma Angaafa yoo ta’u, quxusuwaan isaa 1. Obbo Daawit Lammii ; 2 Addee Libsa-Warqi Lammii fi 3. Addee Addis-Alam Lammii, yoo ta’an obboleewaan isaa dubraa lamaanuu, bakka dhugaa dhaqaniiru.

Artiist Guutuu Lammii Haadha fi abbaa isaa tajaajilaa erga guddateen booda, umuriin isaa barumsaaf yeroo gahu, mana barumsa Sadarkaa tokkoffaa “Hiywoot Xibab“ jedhamee beekaamu galee kutaa 1ffaa amma 6ffaa baratee xumurun kutaa 7 fi 8 ammoo mana barumsa “Asfaa-Wasan “ jedhamuutti baratee qaphixii olaanaa fiduun, sadarkaa itti aanuutti darbuu danda’eera.

Artiist Guutuu Lammii barnoota itti aanu, mana barumsa Bolee, Sadarkaa lammaffaa seenuun kutaa 9-12 baratee yoo xumuru, barnoota Sadarkaa olaanaa ammoo ”Kolleejjii Qidiist Mariyam” lixee barachaa osoo jiruu, bara 1991 yeroo ABOn mootummaa Ce’umsaa keessa jiru, rakkoo fi tuffii ijoolleen habashotaa, Oromoof qaban argaa, akkasumaas isa irras gahaa waan guddateef, battalumatti mirga Oromoof falmuuf gara baha Oromiyaatti imaalun Waraana Blisummaa Oromoo(WBO)tti dabalame.

Kaayyoo, akkeekaaf Sagantaa ABO, leenjii waraanaa dabalatee, baratee erga xumureen booda, aarsaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo barbaaddu mara kaffaluuf irbuu jaalummaa fudhatee itti seene.
Artiist Guutuu Lammii, bara 1991-1992 baha Oromiyaa Dirree WBOn keessa socho’aa tureetti ramadamee, hojjachaa osoo jiruu, ABOn dirqamee mootummaa ce’umsaa keessaa akkuma baheen rakkoo hamaa waraana Blisummaa Oromoo mudaate irraa kan ka’een, osoo harka diinaa hin seenne, muraannoofi cimiina qabuun keessa darbee magaalaa Finfinnee bakka haatiif abbaan isaa jiraanitti deebi’e.

Artiist Guutuu Lammii rakkoo heduu keessa darbee baha Oromiyaa irraa erga gara magaalaa Finifinneettii deebi’ee, mana isaatti galee osoo hin teenye, bakka Qabsa’ooni Oromoo itti wal arganiif wal ijaaranii jiran hedduu keessatti hirmaachuun, qooda ga’aa qabaatullee, gama Sirbaa fi Weedduun uummata Dammaqsaa kan ture, bandii Gadaatti miseensa ta’uun, Sadarkaa meeshaa taphaachuufi Sirbuu irraa egalee, hanga gaafa biyyaa ba’uutti duraa ta’aa ykn gaggeessaa Bandii Gadaa ta’ee hogganaa tureera.

Gama biroon ammoo Waldaa Maccaafi Tuulamas keessatti miseensa Bordii ta’ee hojjaata akka ture seenaan isaa ni mirkaneessaa.
Artiist Guutuu Lammii miseensa Bordii Maccaaf Tuulmaa keessattis ta’ee waggoota hedduu bandii Gadaa Tajaajilaa ture kana keessatti, jaalalafi kabajaan inni Oromoofi Oromummaa dha qabu hundaa ol akka ta’e kanneen isa beekaan kan ragaa bahani dha.
Artiist Guutuu Lammii Caarraan DV baheefi bara 2004 keessa USA/Ameerkaa dhufudhaan Hawaasa Oromoo DMVitti makaame. Jireenyaa Gadaa lamaa (2) ol Hawaasa Oromoo naannoo Washington DC waliin jiraate kana keessatti akkuma hundi keenya ragaa bahu dandeenyu, Guutuu Lammii nama qulqulluu, nama Oromummaa fi eenyumaa isaa jaalatuuf kabajaa guddaa keennu dha.
Ariisti Guutuuf Oromoo hunduu fira isaati. Jaalala malee Jibba nama tokko waliinuu akka hin qabine kan beekinu dha. Guutuun ijaarsa Oromoo hunda keessatti ifaa ta’ee kan mul’ataa tureedha.
1.Waldaa Qoraannoo Oromoo
(OSA)keessatti Guutuu Sadarkaa
duraa irratti mul’ata duraa
2. Waldaa Kirstiyaana Oromoo
(Oromoo Church)yoo deemiite
Guutuun ifa ta’e mul’ata.
3. Koonyaa ABO Washington DC
Yoo deemiite,Sadarkaa duraa
irratti kan agaartu Jaal
Guutuu Lammiitti.
5. Agaarsiisa aadaa Sirba Oromoo,
godhamu keessatti,tapha
meeshaa fi qindeessuu isarratti
anuu jira! jedhee owwaatee kan
dhufu Guutuu Lammiiti.
6.Yeroo sirni kabajaa aayaani
Gubaafi Irrechaa naannoo
Washington DCtti kabajamu sirba
aadaa Orommo,kan aayyaana
sana waliin deemu filee kan nuuf
Qopheessu Artist Guutuu dha.
7. Miseensa Koree Bordii Hawaasa
Oromoo keessattis Guutuun
Sadarkaa duraa irratti ifa ta’ee
mul’ata.
8.Koree mana Hawaasa Oromoo
(Oromoo Community House
Committee) keessattis yeroo
eenyumaan ol hojii guddaa kan
hojjaatu Guutaa Lammiiti.
Artiist Guutuu walumaa galaatti ijaarsa Oromoo hunda keessaa
bakka maraatti argaama.
Bakki hirmaannaa Guutuun keessa hin jirre hin jiru yoo jenne, dhugaa dubbachuu malee soba dubbachuu keenya miti.

Guutuu Hawaasa Oromoo Naannoo Washington DC jiraaniif qabeenya, utuubaadha, abdiidha, falmaataadha, qabs’aa dha. Qabsa’aa akkanaafi obboleessa akkanaa of biraa dhabuun hedduu nu gaddisiisa.
Guutuun Koree bordii Hawaasa Oromoo keessa baroota hedduu tajaajila tureera; ammas, hanga guyyaa har’aa dirqaamin addaan nurraa isa baafteetti waliin hojjataa turreerra.

Ariist Guutuu Lammii wajjiin, akka Koree Geggeessitu Hawaasaatti waan hedduu hojjaannee waliin dabarsineerra.
Seenaa Guutuu Hawaasiin Oromoo Naanno Washington DC jirru, waan beekinuuf waan haaraa gonee, walitti himinu hin jiru. Garuu waanti walitti himinu obboleessa dhugaa akkanaa, kan Oromoof malee ofii hi jiraane, of biraa dhabuun keenya, waan kophaatti hafine taanee, nutti mul’chuu isaati.

Dhalli nama du’aaf dhalate. Hundi keenya tarree gallee akka jirru inuma beekiina. Waanti nama bochiisu du’a qofaa miti. Waan jiruu fu jireenya, qabeenyaafi humina ofii itti dhabaanii, dararamaa turan osoo ijaan hin argiin darbuudha.
Guutuun fedhiif hawwiin isaa, Oromoon abbaa biyya isaa ta’ee, arguu ture. Sirbi isaa waa’ee blisummaa Oromooti; waa’ee tokkummaa Oromooti; waa’ee Oromoon abba biyya isaa ta’ee arguuti.
Fedhiif hawwiin isaa guteefii osoo hin argin karaatti hafuun nu boochiisa. Nugaddisiisa.
Artiist Guutuu Lammii, nama qabeenya isaafi maatii isaa irra, Oromummaa isaa jalaatudha. Dhala Oromoo hundaaf jaalaala dhuga kan Onnee irraa madde qaba. Nama hunda ija tokkoon ilaalaa . Nama hundaaf kabajaafi ulifiina guddaa qabaafi. Waan gaafatte hunda tole jedhee waan qabu mara badhaasuuf nama dubaatti hin jeenne dha.

Artiisti Guutuun magaala Finfinnee keessatti dhalatee guddatee, afaan Oromoo akkuma nama Baadiyyaa Oromiyaa keessatti dhalatee guddateetti dubbata.
Maqaan isaas Geetuu Lammii jedhmee kan beekaamu, sirna kabajaa aayyaana irrechaa irratti, abbaa Malkaa obbo Lubee Birruutti himachuun akka aadaa Oromootti uruurfamee Guutuu Lammii jedhamee moggafameef.

Guutuu Lammii Hawaasa Oromoo Naannoo Washington DC wajjiin waggoota 16 ol jiraate kana keessatti, rakkoon yoo umaame illee qoosee furuun bira darba malee hamaan afaan isaa keessaa bahee hin beeku. Nama hunda kolfaafi gammachuun simaata.
Jaalala fi Guddina Hawaasa Naanoo kanaaf qabu irraa kan ka’e Koree Bordii Hawaasaa Oromoo keessatti yeroo heduu filamee tajaajilaa tureera.

Guutuu Lammii ummuri
ijoollummaa irraa egalee hanga guyyaa kanaattii biyya kessaafi biyya alaatti dadhaabbii tokkoo malee uummata isaa tajaajlaa turuun, “dhalooni karaa adeemaadha” akkuma jedhan, adeemsa isa xumuree, seenaa isaa nuu dhisee bakka irraa galuu hin dandeenyeetti deemeera.

Artiist Guutuu Lammii dhibee kaleen(Kidney) qabamee wagoota 3 oliif torbanitti guyyaa 3f mana yaalaatti dedeebi’ee daylasaasii(dialysis)godhachaa erga tureen booda dabaren isaa gahee, kalee biraa, fayyaa kan ta’e, jijiruuf manni yaalaa beellaama gaafa Bitoteessa 24, 2020tti qabeefi ture.

Nuts guyyaa kana Bitoteessaa 24, kaleen isaa inni dhibamaan keessaa bahee, kan biraa bakka bu’ee nuuf fayya jennee gammachuu waliin guyyaa kana egaa turre.
Garuu hin taane. Beellamni qabameef, guyyaan Sadi (3) yeroo hafu, gaafa Bitoteessaa 21/2020 dhibee Stroke (dhibbaa dhiigaa) rukutamee mana yaalaa “Washington Hosptaal Center” Seene.
Yeroo mana yaalaa seenu, dhibee Koronnaa jedhamu, kana irraa blisa ta’uun isaa beekamullee, gara bodaa irratti argamuun, kana duraan dhibamaa ture waliin walitti dabalamee irraa fayyuu hin dandeenye.
Artiist Guutuu Lammii mana yaalaa seenee goyyoota 27f yaalamaa erga tureen booda, Ebila 18, bara 2020 dhalatee Waggaa 50 tti adunyaa kanarraa darbeera.

Waaqiin lubbuu isaaf tasagabii haa keennu.
Galatoomaa!

By Tolcha Wegi