Tarkaanfii Lagannaa Nyaataa Hooganootaafi Qondaalota ABO Geessees Fi Haala Keessa Jiran

(A4O, Gabaasa Addaa, Finfinnee, 14/02/2022) Tarkaanfii lagannaa nyaataa Hooganooti fi Qondaaloti ABO hidhaa keessa jiran gaggeessanii fi haala isaan keessa jiran irratti gabaasa addaa qindeeffame.

Hoogganootni fi qondaalotni ABO kanneen akka :

Jaal Mikaa’el Booran,

Jaal Kennesaa Ayyaanaa,

Jaal Lammii Beenyaa,

Jaal Dawwit Abdataa,

Jaal Battee Urgessaa fi

Jaal Gadaa Gabbisaa kan jedhaman miseensota fi hoggantoota ABO biroo waliin yeroo turtii waggaa lamaaf hidhaa Keessa turuun ni yaadatama.

Waggaa lamaan kana kessatti garii isaanii manni murtii bilisa isaan gadhiisee, garii isaanii abbaa Alangaa <<himata irraa hin qabu, >> jedhee, kaan ammoo himatni homaatuu osoo itti hin dhihaatiin haala ulfaataa ilmaan namaaf hin malle keesaatti bakka tokkorraa bakka biraatti adaraa kennamaa dabarsan.

Manni murtii adeemsa seeraan bilisa isaan godhus Koomishiniin Poolisii Oromiyaa itti cichee isaan gadhiisuu dide.

Dhimma isaanii yeroo gaafataniis, Poolisiis ta’e qoratan, << Dhimmi keessan nu bira miti, furmaata isiniif kennuu hin dandeenyuu! >> deebii jedhu argataa turan.

Baatii jahan darbe ammoo bakka maatii, abukaatoo fi ummatni isaan hin arginetti geessanii dhoksaatti hidhan. Gaaffii mirgaa isaan deddeebisanii kaasaa turaniif afaaniin sobuu malee falli hin argamne.

Kanaaf isaaniis dhumarratti hidhaa seeraan alaa, roorroo fi daba kana jalatti roorrifamaa jiraachuurra du’a nuuf wayya jedhanii takkaahuu hiikamuu ykn kabajaan falmataa du’uuf murteessanii waliif kakachuun gaafa Guraandhala 1, 2022 lagannaa nyaataa eegalan.

Yeroo kanatti qondaalotni Koomishiniin Poolisii Oromiyaa itti deddeebi’an, << Dhimmi keessan guyyaa muraasa keessatti furamaa nyaata nyaadhaa!>> jedhanii kadhatan. Isaanis, << takkaahuu ammuma nu furaa, ykn nutu of fura!>> jechuun ejjennoo isaaniitti cichan.

Kana gidduutti gaafa 05/02/2022 Jaal Kennesaa Ayyaanaa waan laaffataniif hospitaala geeffamanii yaalii xiqqoo booda deebifamanii lagannaa eegalanii guyyaa saddeet booda lubbuu isaaniif waan sodaataniif bakka dhoksaatii isaan baasuun Q/P/B/Magaalaa Buraayyuutti isaan darbatan.

Achitti lagannaa waan itti fufaniif gaafa guyyaa kurnaffaa manguddoonni Waldaa Maccaa fi Tuulamaa, Abbootiin Gadaa fi Haadholii Siiqqee marga qabatanii jilbeenfatanii itti booyan.

Obbo Dirribii Damisee fi Pirooeser Asaffaa Tafarraa isaan keessatti argamu. Isaanis haala suukanneessaa keessatti dararaman ibsaniifi , << hidhaan seeraan alaa fi roorroo hamtuu kana keessa hiikamuu ykn murtii keenyan of furuu qabna!>> ejjennoo jedhu ibsaniif.

Yeroo kanatti manguddoonni jilbeenfatanii, << Nuti gama keenyaan dirqama ofitti fudhannee dhiibbaa kamuu ni goona, isin hanga tole nuuf jettanitti hin deemnu!>> jechuun imimmaan buusanii isaan kadhatan. Hoogganooti fi qondaaltonni ABOs kabaja manguddootaaf jecha mana yaalaa deemuuf waliigalan.

Haala Kanan gaafa guyyaa kurnaffaa galgala hospitaala seenanii gaafa guyyaa kudha tokkoffaa hospitaala Poolisii fi Beetezaataatti yaalaman.

Qormaata hospitaalatti taasifamaniin Jaal Battee Urgessaa dhibee tiruuf saaxilamuun hubatame. Hundi isaaniituu miidhaa qaamaaf waan saaxilamaniif hanga qaamni isaanii deebisee of danda’utti guyyaa Shanan itti aanan nyaata sasalphaa ogeessi fayyaa tartiibaan akka fayyadaman gorse fudhatu. Amma nyaata sasalphaa eegalaniiru.

About advocacy4oromia

The aim of Advocacy for Oromia-A4O is to advocate for the people’s causes to bring about beneficial outcomes in which the people able to resolve to their issues and concerns to control over their lives. Advocacy for Oromia may provide information and advice in order to assist people to take action to resolve their own concerns. It is engaged in promoting and advancing causes of disadvantaged people to ensure that their voice is heard and responded to. The organisation also committed to assist the integration of people with refugee background in the Australian society through the provision of culturally-sensitive services.

Posted on February 14, 2022, in Uncategorized. Bookmark the permalink. Leave a comment.

Leave a comment