Lallaba Galataa fi Yaadannoo: Maatiin Ahmad Gishee Hawaasa Oromootti Dhaamsa Garaawaa Ergate

(Onkololeessa 31, Bara 2026) Aartii fi aadaa Oromoo keessatti, duuti nama jaallatamaa fi kabajamaa ta’e gadda cimaa hawaasa keessatti uuma. Ahmad Gishee—ilma saba Oromoo, jaalala fi kabajaa guddaa qabu—lubbuu dhabuun isaatiin maatiin isaa fi hawaasni bal’aan gadda onnee nama cabsu keessa jiraatu. Yeroo kana keessatti maatiin Ahmad Gishee lallaba galataa fi yaadannoo hawaasa Oromootti erganii jiran.

Galata Hawaasaaf

Lallabni maatii keessaa, duraan duraan, hiriyoota Ahmad, jaalalloo, darabootaa fi hawaasa bal’aa Oromootiif galata guddaa dhiyeesseera. “Gadda onnee nama cabsu yeroo keessa jiru kanatti, nu bira dhaabattanii, nu jajjabeessuu fi miidhama keenna nu waliin hirachuu keessaniif, ulfaadhaa, wayyamaa,” jedhanii maatiin ibsaniiru.

Maatiin Ahmad akka jedhetti, “Gargaarsinii fi ergaan gara-nyaattoo, tumsinii fi dhaamsi keessan madda obsaa nuu ta’ee jira; kanaafillee galata guddaa nu biraa qabdani.” Yeroo Ahmad gargaarsa barbaadetti, firaa fi hiriyyoon uduu hin hifatin isa bira dhaabbatanii jiran. “Haga inni darbellee, fageenna dheeraa irraa imaluun geegessaa isaa tolchitan. Ahmad ka saba bal’aa Oromoo ta’uu isaa maatii fi aanaa maratti argisiiftan. Gadda ulfaata kana akka obsinuuf humna jabaa nuu taatan. Ulfinni keessan dacha, dachaadha!”

Jireenya Gabaabduu Garuu Hiikkaa Guddaa Qabu

Ahmad jireenya isaa keessatti milkii hedduu arge, jaalalloo baay’ee horate. Ummata Oromoo bal’aan wal-baratee, waan haga humna isaa gumaachee lufe. “Yeroon Ahmad lafa tana irra jiraatee baay’ee gabaabduudha. Garuu inni haalaa fi akkaataa jiruu dabarse irraa gaabbii hin qabu,” jedhanii maatiin ibsaniiru.

Inni gara fuula akeraa deemuun duratti warra bira turaniif dhaamsa darbee jira. “Jireenna isaa akka fedhii isaatti jiraateera. Waan tokkollee jijjiiruu akka hin barbaanne, waan jiruu isa kessatti godhuu fi arguu fedhu hedduu isaa akka godhee fi arge dubbate. Hireen du’aa yoo isa geette, akka qophaa’aa ture nuuf mirkaneesseera. Kun haga tokko tasgabbii sammuu nuuf kennee jira.”

Dhaamsa Hawaasaaf: Oduu Soba irraa Of Qusachuu

Maatiin Ahmad hawaasa Oromootti dhaamsa guddaa erganii jiran—oduu dharaa fi soba miidiyaa hawaasaa irratti tamsa’aa jiru irraa of qusachuu. “Oduu dharaa, hamaa fi hasaassaa daangaa hin qabnetu marsaa hawaasummaa irratti tamsa’aa jira. Wanti gariin, maatii, firaa fi jaalalloo miira tuqaa jira. Kun ammoo maatii obsa dhooggaa jira.”

“Odeeffannoo ragaa hin qabne, oduu sobaa ykn tilmaama adda addaa, keessattuu miidiyaa hawaasaa irratti, akka hin tamsaafne cimsinee kabajaan isin gaafanna. Yeroo ammaa kanatti wanti Ahmadii fi nullee nu gargaaru, isaaf araarama kadhatuu; ka jiruuf ammoo jajjabinna kennuu callaadha. Isaa fi maatii isaatiillee, yaadaa, kabaja namoomaa kennaa. Ardha irraa kaasaatii, waan qabatama hin qabne, facaasuu, maxxansuu fi himuu irraa of qusadhaa—walillee ittisaa!”

Yaadannoo fi Dhaala

Maatiin Ahmad namoonni hedduun, biyya keessaa fi alaa, gadda callaa uduu hin taane; jireenya Ahmad waliin kabajuu fi gumaata isaa yaadachuuf qophii godhuu qabu jedhanii yaada nuun geettanii jirtan. “Kanaaf wayyamaa! Yaadni keessan, guddisee nu jajjabeessaa jira. Carraaqiiwwan keessan kanaaf galata guddaa isinif qabna.”

Nutis dhaala inni nuuf dhiisee darbe kana akka eeggamuuf waliin hojjechuu waan barbaanuuf, deeggarsa fi yaada, akkasumas hirmaannaa keessan garaa gutuun feena. “Waliin taanee, jireenya inni jiraate, duudhaalee inni itti amanee dhaabateef, dhaalootaaf dabarsuun waan aaga jennee amanna.”

Murtii Maatii: Deeggarsa Maallaqaa Hin Barbaadan

Maatiin Ahmad hubachiisuu barbaade, yeroo ammaa kana deeggarsa maallaqaa yookaan gargaarsa bifa biraa kamiyyuu akka walitti qabamu hayyama akka hin kennin. “Odeeffannoo dabalataa hanga isinitti himamutti, murtii fi ejjennoo maatiin qabate kana akka hubattan kabajaa guddaan isin gaafanna.”

Galata Xumuraa

“Gaarummaa, gara-laafina, kadhannaa fi deeggarsa nuuf gootaniif irra deebi’uun galata guddaa maqaa Ahmadiitiin isiiniif galchuu barbaanna. Deeggarsi keessan maatii keennaaf jechootaan ibsuu caalaa hiika guddaa qaba. Mara keessanuu ammallee irra deebinee galatoomaa isiniin jenna.”

Maatiin Ahmad Gishee, Onkololeessa 31, Bara 2026.


Maatii Ahmad Gishee — Lallaba galataa fi yaadannoo hawaasa Oromootti erganii jiran.

Unknown's avatar

About advocacy4oromia

The aim of Advocacy for Oromia-A4O is to advocate for the people’s causes to bring about beneficial outcomes in which the people able to resolve to their issues and concerns to control over their lives. Advocacy for Oromia may provide information and advice in order to assist people to take action to resolve their own concerns. It is engaged in promoting and advancing causes of disadvantaged people to ensure that their voice is heard and responded to. The organisation also committed to assist the integration of people with refugee background in the Australian society through the provision of culturally-sensitive services.

Posted on November 1, 2026, in Aadaa, Afaan, Biography, Daaniyaa, Diaspora, Face of Injustice, family violence, Finfinne, gadaa, gender, Grief Support, health, Information, Kindness, Language, Media, mental health, News, Obituary, Oromia. Bookmark the permalink. Leave a comment.

Leave a Reply